Fana: At a Speed of Life!

Korporeeshiniin Manneen Federaalaa guyyaa hundeeffama isaa waggaa 50ffaa sababeeffachuun agarsiisa bane

Finfinnee, Bitootessa 19, 2018(FMC) – Korporeeshiniin Manneen Federaalaa guyyaa hundeeffama isaa waggaa 50ffaa sababeeffachuun Yaadannoo Injifannoo Adwaatti agarsiisa baneera.

Itti Gaafatamtuun Waajjira Ministira Muummee fi Ministirri Dhimmoota Kaabinee fi Walitti Qabduun Korporeeshinichaa Alamtsahaay Phaawuloos, Hojii Raawwachiisaa olaanaan Korporeeshinichaa Dooktar Rashiid Kamaal fi Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin agarsiisicha saaqaniiru.

Agarsiisichi hojiilee korporeeshinichi hundeeffama isaa eegalee hojjetaa turee fi jijjiirama biyyaalessaa hordofee riifoormii gaggeeffameen bu’aalee argaman irratti kan xiyyeeffatu jedhame.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.