Bootteen karaa seeraan alaa boba’aa dhoksuuf ture to’atame
Finfinnee, Bitootessa 19, 2018 (FMC) – Magaalaa Walaayittaa Sooddootti namoonni bu’aa hin malle argachuuf karaa seeraan alaan boba’aa Naafxaa Boottee guutuu dhoksuuf turan to’annoo jala oolaniiru.
Poolisiin magaalaa Walaayittaa Sooddoo hordoffii halkan taasisaa tureen Bootteen kun boba’aa guutuu waliin to’ameera.
Boba’aa Liitira kuma 50 fi 895 waliin Ganda Daalbootti buufata boba’aa JFM jedhamu keessatti namoota 4 waliin to’atamuu Qajeelchi Poolisii magaalichaa ibseera.
#Oromia #Ethiopia