Fana: At a Speed of Life!

Kantiibaa Adaanech Abeebee Hooggantoota Giddu-galaa fi Aanaalee Waliin Mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 19, 2018 (FMC) – Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee hooggantoota sadarkaa giddu-galeessaa irraa hanga aanaaleetti jiran waliin marii gaggeessaniiru.

Aadde Adaanech ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin: “Har’a hooggantoota keenya giddu-galeessaa hanga aanaaleetti jiran waliin marii bal’aa gaggeessuun iftoomina uumneerra,” jedhan.

Marichaan gaaffiiwwan fi komiiwwan marii dhaabbilee amantii waliin taasifame irratti ka’an deebisuuf, karoora raawwii bulchiinsi magaalichaa qopheesse irratti waliigaltee waloo irra ga’amuu ibsaniiru.

Raawwii karoora kanaatiifis kallattii barbaachisaa ta’e kennuu isaanii kan ibsan kantiibittiin, raawwii isaas itti dhiyeenyaan kan hordofan ta’uu hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.