Uwwisni Jallisii Itoophiyaa Heektaara Miiliyoona 2.4 Ga’eera – Obbo Tamasgeen Xirunaa
Finfinnee, Bitootessa 19, 2018 (FMC) – Uwwisni jallisii Itoophiyaa gara heektaara miiliyoona 2.4tti guddachuu Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan.
Naannoo Afaar, Aanaa Dubtiitti kan ijaarame Pirojektiin Hidha Misoomma Jallisii Tandaahoo har’a eebbifameera.
Obbo Tamasgeen yeroo kanatti dhaamsa dabarsaniin; Pirojektoonni akka Magac, Arjoo, Kasam, Qeexoo, Rippii gadii, Gidaaboo fi Goodee kanaan dura madda komii uummataa turan xumuramaanii tajaajila misoomaaf akka oolan taasifamuu isaanii ibsaniiru.
Damee jallisii kanaan jijjiirama fiduuf mootummaan carraaqqii olaanaa gochaa akka jiruufi hoggansa kutannoo qabu kennaa akka jiru hubachiisaniiru.
Fakeenyaaf, Pirojektiin Misooma Jallisii Tandaahoo ijaarsi isaa xumurame kun fakkeenya carraaqqii fi hoggansa kutannoo qabuu ta’uu dubbataniiru.
Pirojektiin kun waggaa 15 dura kan ijaarame ta’us, hojiin xumuraa bu’uuraa fi suuphaan akka hin taasifaminiif yaadachiisaniiru. Kanaan duras bu’aa malee turuu isaa bira darbee, bishaan baay’ee kuusuun hawaasa naannootiif soda lolaa uumaa turuu ibsaniiru.
Jijjiirama booda hojii cimaa damee kana guddisuuf hojjetameen pirojektichi xumuramuu isaa eeranii, kanaanis bal’inni jallisii Itoophiyaa guddachuu dubbataniiru.
Xiyyeeffannoo damee kanaaf kennameen, bal’inni jallisii biyyattii heektaara miiliyoona 2.4 ga’uun danda’ameera jedhan.
Layikuun Alamtu gabaase
#Oromia #Ethiopia