Fana: At a Speed of Life!

Gahee Humna Niwukileeraa Galma Ga’iinsa Tarsiimoo Itoophiyaa Diijitaalaa 2030f

Finfinnee, Bitootessa 19, 2018 (FMC) – Komishinarri Olaanaan Komishinii Humna Niwukileeraa Itoophiyaa Saandookan Dabbabaa, galma ga’iinsa tarsiimoo Itoophiyaa Diijitaalaa 2030 keessatti humni niwukileeraa gahee murteessaa qaba jedhan.

Komishiniin Humna Niwukileeraa Itoophiyaa fi Sagantaan Misoomaa Mootummoota Gamtoomanii (UNDP) tumsa tarsiimawaa qaban caalaatti cimsuuf waliigalaniiru.

Obbo Saandookan Dabbabaa Bakka Bu’aa UNDP Itoophiyaa Saamu’eel Gibaayidii Doon waliin dhimmoota tarsiimawoo sagantaa humna niwukileeraa Itoophiyaa dhimmoota nagaatiif oolchuuf waliin hojjechuun danda’amu irratti mari’ataniiru.

Mariicharratti Obbo Saandookan akka ibsanitti, guddina diinagdee Itoophiyaa hordofee dhiyeessii humnaa amansiisaa uumuun dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ti.

Dameelee murteessoo ta’an haala waaraa ta’een deeggaruuf humni niwukileeraa murteessaa ta’uus eeraniiru.

Keessattuu, dameelee akka qonnaa, fayyaa, qorannoo fi teeknooloojii akkasumas tarsiimoo Itoophiyaa Diijitaalaa 2030 galmaan ga’uuf gaheen humna niwukileeraa bakka bu’aa kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.

Saamu’eel Gibaayidii Doon gama isaaniin, hojiiwwan UNDP’n kalaqa, jijjiirama qilleensaa, diinagdee magariisaa fi filannoo humna qulqulluu irratti hojjechaa jiru ibsuun, gara fuulduraattis komishinichaa waliin hojjechuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Haaluma kanaan, qophii imaammataa, hubannoo uummataa cimsuu, hariiroo qooda fudhattootaa fi ijaarsa dandeettii irratti waliin hojjechuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Gareewwan lamaan muuxannoowwan idil-addunyaa qabatama hawaasummaa fi aadaa Itoophiyaa waliin walsimsiisuun qindoominaan hojjechuuf waliigalaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.