Dambii Ijaarsa seeraan alaa tarsiimoo magaalomsuuf hudhaa ta’e sirna qabsiisuuf ba’e…
Finfinnee, Bitootessa 20, 2018 (FMC)- Ijaarsi seeraan alaa magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru sirna qabsiisuun sirna bulchiinsa lafa ammayyeessuu fi bu’aa olaanaaf oolchuun guddina dinagdee magaalotaa guddisuuf shoora olaanaa qaba jedhan Hoggantuun Biiroo Lafa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa.
Ijaarsi seeraan alaa tarsiimoo magaalomsuu galmaan gahuu keessatti hudhaa olaanaa ta’uu hordofee Dambiin sirna qabsiisuun murteessaadha.
Lafti qabeenya uumamaa bu’uura diinagdee guddaa yommuu ta’u, karaa sirnaa’eefi ammayyaa ta’een bulfame yoo misoomaa oole misooma dinagdee cimaa ijaara.
Haaluma kanaan guyyaa har’aa Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaafi Biiroon Lafa Oromiyaa waliin ta’uun Dambii Ijaarsa Seeraan Alaa Dambiin Boodaa Lafa Magaalaa Sirna qabsiisuuf bahe ilaalchisuun Ibsa miidiyaaleef kennaniiru.
Ibsicha kan kennan Hogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa obbo Guyyoo Waariyoo, ijaarsa seeraan alaa sirna qabsiisuuf seeronnii, dambii fi qajeelfamni dhimma kana ilaallatan haaraa waggaa tokkoof hojirra oolu baasuun hojiirra akka oolu taasifamaa jiraachuu himaniiru.
Haaluma kanaan Kanneen pilaaniin wal hinsimne akkataa bu’uura pilaani misooma qe’ee fi bu’uuraatiin istaandardii magaalichaatiin akka keessummeeffaman ta’uu ibsaniiru.
Bara 2005 irraa eegalee qabiyyee pilaaniin wal simu kaffaltii gati ka’umsa liizii yeroo ammaa jiruun, baaxii fi gooroo fi adabbii dhibbentaa 30 gatii waliigalaa cittu lafaa irratti dabaluun namoota yeroo gabaabaatti kaffalachuu hin dandeenyef waggaa lama keessatti kaffalchisuun seera qabeessa akka ta’u gochuus eeraniiru.
Kanneen battalatti kaffalaniif akkuma kaffaltii xumuraniin kaartaa kennuufi akkasumas dambii keessatti haala ijaarsa seeraan alaa kana booda itti hin gaggeeffamne sirnoota itisuu danda’aniif seerota itti gaafatamummaa cimaa hordofsiisan bahuu obbo Guyyoon eeraniiru.
Hoggantuun Biiroo Lafaa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa gamasaaniin Ijaarsi seeraan alaa magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru sirna qabsiisuun sirna bulchiinsa lafa ammayyeessuu fi bu’aa olaanaaf oolchuun guddina dinagdee magaalotaa guddisuuf dambichi barbaachisuu ibsaniiru.
Kana malees, ijaarsi seeraan alaa rakkoo hawaasummaa, dinagdeefi idaa dhaloota ta’ee waan jiruuf akkasumas Sirna bulchiinsa lafaa ammayyeesuu (kaadastara xumuruuf) hudhaa guddaa fi furmaata hatattamaa barbaadu Wan ta’eefi jedhan.
Dabalataanis ijaarsi seeraan alaa tarsiimoo magaalomsuu galmaan gahuu keessatti hudhaa guddaa waan uumeef dambii haaraan bahe kun immoo rakkoo kana bu’uura irraa kan furu ta’uu eeraniiru.
Dambiin haaraan bahe kun magaalonni hojii regulaayzashini hojjetanii pilaanii misooma qe’ee/LDP/ hojiira oolchan kan akka magaalaa Adamaa, Bishooftuu fi Shaggar keessatti hojiirra kan oole ta’uu himuu isaanii ragaan BKO ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia