Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan waraana ittisuu fi yeroo gabaabaa keessatti faayidaa biyyaalessaa eegsisu ijaarame- Leetenal Jeneraal Shuumaa Abdataa

Finfinnee, Bitootessa 20, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan diinoota ishee jilbeeffachiisaa turte har’as ijoollee isheen kabajamtee ni jiraatti jedhan Ajajaan Duula Addaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataan.

Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataan Raayyaa ergamarra jiru waliin marii taasisuun dhimmoota biyyaalessaa fi naannawaarratti ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin, diinoonni guddina Itiyoophiyaa quucarsuuf yaalanis olka’iinsa biyyattiifi ummatichaa mirkaneessuun waan hin hafne jechuun ibsaniiru.

Haaluma kanaan Raayyaan waraana ittisuu fi yeroo gabaabaa keessatti lolee injifachuun faayidaa biyyaalessaa eegsisuu danda’u ijaarameera jedhan.

Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa qabdutti sirnaan fayyadamuun jiruuf jireenya ummata ishee akka hin jijjiireef Shororkeessitonni garee diinaa seenaa Itiyoophiyaa ta’an waliin hojjetaniis abjuun isaanii Raayyaa Ittisa biyyaan akka huurri bittinaa’eera jechuun ibsaniiru.

Raayyaan Ittisaa garee farraa nageenyaa fi misoomaa ta’anirratti tarkaanfii fudhatu cimsee kan itti fufuu fi guddinaa fi olaantummaa seeraa biyyattii kan mirkaneessuu ta’uu dubbataniiru.

Ajajani Duula Addaa ergama kamuu bakka fi yeroo kamiittuu raawwachuuf dandeettiin qabu yeroo gara yerootti guddachaa dhufuu himuu isaanii Miidiyaan Onlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.