Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Taayyeen Pireezidaantii Ikkuuwaatooriyaal Giinii waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 21, 2018(FMC) – Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Pireezidaantii Ikkuuwaatooriyaal Giinii Teewoodooroo Obiiyaang Niguumee waliin mari’ataniiru.

Yaa’ii Mootummoota Afrikaa – Kaaribiyaanii fi Paassifikii cinaatti Pireezidaantii Ikkuuwaatooriyaal Giinii Teewoodooroo Obiiyaang Niguumee waliin mari’anneera jedhan Pireezidaanti Taayyee ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Hariiroo waloo biyyoota lamaanii fi naannawaa caalmaatti cimsuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’achuu ibsan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.