Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Faayinaansii Chaayinaa ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu akka deeggaran waamichi dhiyaate

Finfinnee, Bitootessa 21, 2018 (FMC) –Jiilli Ministira Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen durasamu hoggantoota dhaabbilee faayinaansii Chaayinaa garaagaraa waliin mari’ateera.

Jiilichi Obbo Ahimad Shidee dabalatee, Bulchaa Baankii Biyyooleessaa Dooktar Iyyoob Tekkaalliny, hoggantoota olaanoo Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa fi Chaayinaatti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa Obbo Tafarraa Darribawu kan of keessatti qabate yoo ta’u, hoggantoota Baankii Egzim Chaayinaa, Baankii Industirii fi Daldalaa Chaayinaa akkasumas Baankii Misooma Chaayinaa waliin mari’ataniiru.

Daawwannaan kun marii liqii irra deebiin ilaluu adeemsa irra jiru dabalatee, ijaarsa projeektii guddaa Buufata Xiyyaaraa Bishooftuutiif filannoowwan faayinaansii barbaaduu irratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee, mariin liqii baballisuu irratti mari’atame bu’aa qabeessa ta’uu kaasanii,kunis guddina diinagdee mootummaan karoorfate lafa qabsiisuu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

Hariiroon tarsiimawaan biyyoota lamaan gidduu jiru caalaatti cimee akka itti fufu ibsuun, dhaabbileen faayinaansii Chaayinaa ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu akka deggeran waamicha dhiyeessaniiru.

Dhaabbileen faayinaansii Chaayinaa gama isaaniitiin, riifoormii maakroo-diinagdee qajeelfama Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin hojiirra oolaa jiruun bu’aa gaarii argameef dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.

Milkaa’ina riifoormii diinagdee Itiyoophiyaatiif deeggarsa barbaachisu hunda akka godhanis mirkaneessaniiru.

Hariiroo gam-lamee Itiyoophiyaa fi Chaayinaan damee bu’uuraalee misoomaa faayinaansii irratti qaban cimsuu irratti waliigaltee irra ga’uun isaaniis eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.