Obbo Ahimad Shideen Pirezidaantii Baankii Invastimantii Bu’uuraalee Misoomaa Eeshiyaa waliin mari’atan
Finfinnee, Bitootessa 22, 2018(FMC)- Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen Pirezidaantii Baankii Invastimantii Bu’uuraalee Misoomaa Eeshiyaa waliin hariiroo Itiyoophiyaafi Baankichaa cimsuuf mari’ataniiru.
Marichaan haala Itiyoophiyaatti bu’uuraalee misoomaa babal’isuun danda’amurratti, keessumaa Pirojektii Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu maallaqaan deeggaruun akkaataa danda’amurratti mari’atan.
Obbo Ahimad Shideen wayita kana Pireojektiin Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu gahee Itiyoophiyaan wiirtuu aviyeeshinii naannawichaa ta’uuf qabdu guddisuufi guddina diinagdee saffisiisuuf qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Hirmaannaa dameen dhuunfaa ijaarsa bu’uuraalee misoomaa keessatti qaban guddisuuf Baankiin Invastimantii Bu’uuraalee Misoomaa Eeshiyaa barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.
Qaamoleen lameen faayinaansii damee dhuunfaa cimsuuf oolu walitti qabuu irrattis tumsa qaban cimsuuf mari’achuu Ministeerichi Faanaa Diijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia