Diinagdee hunda galeessa guddina waaraaf….
Finfinnee, Bitootessa 22, 2018(FMC)- Dinagdee waaraafi dandamataa ijaaruuf sirna diinagdee hunda galeessa hojiirra oolchuun baay’ee barbaachisaadha.
Mootummaan jijjiiramaa kana hubachuun utubaawwan diinagdee shanan jechuunis qonnaa, indaastirii, tuurizimii, albuudaafi teeknooloojii irratti xiyyeeffachuun hojiin hojjete bu’aalee jajjabeessoo galmeessisaa jiru.
Sirna diinagdee duraan qonna irratti hundaa’e babal’isuun dameewwan tuurizimii, inarjii, tajaajilaafi oomishaa irratti hojiileen hojjetaman milkaa’ina gaarii galmeessisaniiru.
Akka fakkeenyaattis bakkeewwan gahumsa tuurizimii yaada Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin iddoowwan garaagaraatti hojjetaman ibsuun ni danda’ama.
Sagantaalee Maaddiin Shaggariif, Maaddiin Biyyaaf akkasumas Maaddiin Dhalootaaf jedhaman beeksisuun iddoowwan gahumsa tuurizimii buleeyyii ammayyeessuun fi haaraa ijaaruun qooda dameen tuurizimii diinagdee biyyaa keessatti qabu guddisuun danda’ameera.
Itiyoophiyaan baatiiwwan jahan darbanitti daawwattoota idil-addunyaa kuma 700 ol hawwachuun galii Doolaara biiliyoona 2.6 argachuu ragaan Ministeera Tuurizimii ni mul’isa.
Damee indaastirii oomishaanis oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuu irratti hojiin hojjetame bu’aa qabatamaan galmeesseera.
Waggoottan sadan darbanitti dandeettiin oomishtummaa indaastiriiwwanii %47 irraa gara %66’tti guddateera.
Sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuun baatiiwwan jahan darbanitti oomishaaleen Doolaara biiliyoona 3.4 kan biyya keessaan bakka buufamuu danda’aniiru.
Hojiileen misoomaa teeknooloojiin yoo deeggaramuu baatan saffisa barbaadamuun guddina mirkaneessuun akka hin danda’amne kan hubate mootummaan jijjiiramaa waggoottan darbanitti gama bu’uuraalee misoomaa teeknooloojii babal’isuunis hojiilee hedduu hojjeteera.
Haaluma Kanaan Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob babal’isuun akkasumas fayyadamummaa teeknooloojii hawaasaa mirkaneessuuf hojiilee qabatamaan hojjetamaniiru.
Jijjiiramaan dura lakkoofsi lammiilee moobaayilii fayyadamanii miiliyoona 37 ture yeroo ammaa miiliyoona 97 caaleera.
Damee qonnaatiinis misooma qamadii jallisii bonee dabalatee hojiileen fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessan hedduun hojjetamaa jiru.
Baatiiwwan jahan darbanitti al-ergii oomishaalee qonnaa irraa galiin Doolaarri biiliyoonni 2 ol argamuun bu’aa qabeessummaa damichaa agarsiisa.
Akka waliigalaatti mootummaan jijjiiramaa damee tokko qofarratti osoo hin daanga’iin hojiilee misoomaa hundagaleessa guddina Itiyoophiyaaf bu’uura kaa’an hojjechaa jira.
Hayilamaariyaam Taganyiin.
#Oromia #Ethiopia