Magaalaa Finfinneetti balaa Tiraafikaan lubbuun namoota 3 darbe
Finfinnee, Bitootessa 22, 2018 (FMC)- Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Ekkaa aanaa 9 tti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 3 darbuu Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalichaa ibse.
Balichi Kutaa magaalichaa Aanaa 9 bakka addaa Kotobee 02 jedhamuun beekamutti kan mudate ta’uun ibsameera.
Konkolaataan deddeebisaa uummataa Minibaasii jedhamu namoota 18 fe’e Anqorcarraa gara Laambaaratitti imalaa ture garagaluun balichi mudachuu poolisin magaalichaa beeksiseera.
Balichi halkan Sa’aatii 11:30 tti kan mudate yoo ta’uu balichaan lubbuun namoota 3 darbuun, konkolaachiisaa dabalatee namoota 16 irra immoo miidhaan cimaa fi salphaan qaqqabeera.
Ka’uumsi balichaa qoratamaa jiraachuu Poolisiin ibseera.
#Oromia #Ethiopia