Fana: At a Speed of Life!

๐“๐ˆ๐‘๐€๐๐€๐€๐‘๐‘๐€๐€ ๐—š๐—ฎ๐—ฟ๐—ฎ ๐”๐“๐€๐€๐‹๐‚๐‡๐Ž๐Ž๐“๐“๐ˆ: ๐—–๐—ฎ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐—ฒ๐—ฒ๐—ณ๐—ถ ๐—›๐˜‚๐—ฑ๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐—ฒ๐—ฒ ๐—œ๐—บ๐—ฎ๐—น๐—ฎ ๐๐€๐ƒ๐‡๐€๐€๐ƒ๐‡๐ˆ๐๐€๐€

Kutaa tokkoffaa keessatti, โ€˜Cabiinsa Sirnaaโ€™ barootaaf nulaamshesseefi madda isaa gadifageenyaan xiinxalleerra. Kutaa lammataa keessatti โ€˜Kalaqaafi Ariitiiโ€™ imala โ€˜utaalchooโ€™ (Leapfrogging) jalqabuuf oolan lafa kaaโ€™uun keenya niyaadatama.
Imalli keenya kan eegalame hiyyummaa suphuuf osoo hintaane, hudhaalee caasawaa hiyyummaa kana uuman bittineessuun sirna badhaadhina hundagaleessa mirkaneessu ijaarudha. Imala kana milkeessuuf meessaa (assets) gahaa ofharkaa qabna. Haataโ€™uutii meessaa kanatti dhimma bahuuf kiyyoowwan amalaafi ilaalchaa (behavioral and mental chains) barootaaf hidhee nuqabe keessaa cirree bahuun waraana yaadamaafi gochaatiin moโ€™annee bahuu gaafata.

Mootummaa Idaโ€™amuu lafa qabsiisuun, fedhii qofaan hindhagoomu. Jalqaba, carraalee ofharkaa qabnu gadifageenyan hubachuu barbaada; lammata ammoo, gufuulee amalaafi naamusa hoggansaa dhuunfatan adda baasanii moโ€™achuu gaafata.
1. ๐‡๐ฎ๐ฆ๐ง๐š ๐†๐จ๐ฆ๐›๐ข๐ฌ๐š๐š: ๐‚๐š๐ซ๐ซ๐š๐š๐ฅ๐ž๐ž ๐Ž๐Ÿ๐ก๐š๐ซ๐ค๐š๐š ๐๐š๐›๐ง๐ฎ
Mootummaa Idaโ€™amuu lafa qabsiisuufi amala inni barbaadu horannee sochoโ€™uuf, kaโ€™umsa barbaachisu hunda ofharkaa qabna. Isaanis:

A. ๐˜๐š๐š๐๐š๐ฆ๐š ๐ˆ๐๐šโ€™๐š๐ฆ๐ฎ๐ฎ: ๐๐ข๐ซ๐ฆ๐š๐๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐˜๐š๐š๐๐š๐š ๐ƒ๐ก๐ฎ๐ ๐จ๐จ๐ฆ๐ฌ๐ฎ๐ฎ
Biyyi keenya waggoota dheeraaf dimimmisa hubannoofi cabiinsa sirna beekumsaa keessa turte. Addatti ammoo, gidduugala morkii yaadamoota/ilaanyaa ergifataa turte. Yaadamoonni Bahaafi Lixaa irraa ergifataman, umama hawaasummaa, dinagdeefi seenaa keenyaa waliin kan quba wal hinqabne turan. Gama kanaan Yaadamni Idaโ€™amuu seenaa biyya keenyaa keessatti daandii haaraa (breakthrough)โ€™dha. Yaadama ergisaa dhaloonni irratti walwaraanaa ture sanaa miti. Yaadama โ€˜Yabbuuโ€™fi โ€˜Xabbooโ€™ rakkoolee keenyaa hubatee, akkasumas furmaata isaanii guutummaan kaaโ€™edha. Yaadama ofii qabaachuun ammoo, birmadummaa yaadaa (intellectual sovereignty) dhugoomsuu qofa osoo hintaane, rakkoo mataa keenyaa beekumsa keenyaan hiikuuf humna nutti uuma.

B. ๐๐š๐š๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐๐š๐๐ก๐š๐š๐๐ก๐ข๐ง๐ง๐š๐š: ๐—š๐—ฎ๐—ฎ๐—ฑ๐—ฑ๐—ถ๐˜€๐—ฎ ๐ˆ๐๐šโ€™๐š๐ฆ๐˜‚๐˜‚๐Ÿ๐ข ๐“๐จ๐ค๐ค๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š

Paartii hammataafi buโ€™uura tokkummaa hunda keenyaa taโ€™e ofharkaa qabna. Paartii waldhiibuufi walharkisuu ture hambisee, Itiyoophiyaanota hunda hirmaachisee, abjuu, kaayyoofi galma tokkoof waloon qabsaaโ€™uuf nudandeessisu qabna. Biyya hangafoonni sabootaa (national elites) abjuu daran walfaallessoo tarkaanfachiisaa turan keessatti; biyya dhalattoonni saba tokkoollee ajandaa waloo tokkummaan dhaabbataniif hinqabne keessatti, haala kanaan kan waliin nuhiriirsisedha.
Kuni humna guddaa armaan dura argamee hinbeekne taโ€™uu hubatamuu qaba. Paartiin keenya kutannoo siyaasaa hammattummaaf qabuun, qaamolee adeemsa seenaatiin jiilanii duubatti ofdhiibaa turan amansiisee gara galma walootti makaa jira.
C. ๐˜๐š๐š๐๐š๐ฆ๐š ๐‘๐š๐š๐ฐ๐ฐ๐ข๐ข๐ง ๐๐จ๐ซ๐š๐ฆ๐ž๐ž ๐€๐ค๐ค๐š ๐‡๐จ๐ฃ๐ฃ๐ž๐ญ๐ฎ ๐Œ๐ข๐ซ๐ค๐š๐ง๐š๐šโ€™๐ž

Buโ€™aalee abdachiisoon sochii waggoota darban taasifneen galmaaโ€™an, Yaadama Idaโ€™amuu daandii jijjiiramaa sirrii taโ€™uu mirkaneessaniiru. Harโ€™a yaadamni idaโ€™amuu qonna, magaalomsuu, indastirii, turizimiifi dinagdee dijitaalaa niceesisa jennee akka abjuutti qofa hinhaasofnu; sochii muraasa taasisneen akka ceesisu qabatamaan mirkanaaโ€™era. Gama siyaas-dinagdee, hawaasummaa, ijaarsa jaarmiyaaleefi kkf jijjiiramoota argineerra. Yaadamni kun qabatamaan ilaalamee qormaata yeroo (test of time) darbeera. Naamusa olaanaan raawwatamnaan, cabiinsawwan sirnaa numuudatan guutummmaatti fayyisuun badhaadhina hundagaleessa dhugoomsuu akka dandeenyu ragaa lafarratti muldhatu qabna.

D. ๐ƒ๐ข๐ฅ๐›๐ข๐ข ๐๐š๐›๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š๐š: ๐Œ๐š๐๐๐š ๐†๐ฎ๐๐๐ข๐ง๐š ๐‡๐ฎ๐ง๐๐š๐ ๐š๐ฅ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š

Ummata baldhaa rakkoolee dhuma keenya waliin nudeeggaruufi jijjiiramaaf qophii taโ€™e qabna. Lafa baldhaa, biyyee gabbataa, sirnakkoo qonnaa danuu, bishaan irraaf jalaafi haala qilleensaa mijataa qabna. Albuuda gosa hedduufi baayโ€™ina olaanaa qabu qabna. Argamni โ€˜jiโ€™oopolotikaaโ€ keenya gaariidha. Biyyoonni kanniin hunda osoo hinqabaanne, fedhii misoomaa yaadama sirriin masakame qofa qaban yemmuu jijjiiraman argaa jirra. Kanaaf, jijjiiramuu dhabuun keenya qabeenya dhabaaf osoo hintaane, yaadama tarsiimaโ€™aa dhabuurraati. Harโ€™a lamaanuu qabaachuun keenya humna dabalataa yeroo gabaabaa keessatti ittin ceenu nuuf uuma.
E. ๐‡๐จ๐ ๐ ๐š๐ง๐ฌ๐š ๐“๐š๐ซ๐ฌ๐ข๐ข๐ฆ๐šโ€™๐š๐š: ๐—›๐—ฎ๐˜†๐˜†๐˜‚๐˜‚s ๐—ฅ๐—ฎ๐—ฎ๐˜„๐˜„๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐—ถ๐—ถ๐˜€๐—ฎ๐—ฎs

Hoggansa cabiinsa sirnaa (hudhaalee caasawaa) xiinxalee yaada furmaataa waliin qindeessee barreesseefi raawwii isaatiif hoggansa tarsiimaโ€™aa kennu (intellectual and operational drive) qabaachuu keenya akka waan salphaatti ilaaluu hinqabnu. Karoora ittiyaadame ykn gabaasa qindaaโ€™aallee qopheessuun hagam akka ulfaatu hundi keenyaa nibeekna.
Looreetiin Nagaa Addunyaa, Mummee Ministiraa keenya Abiyyi Ahmad (PhD), biyya rakkooleen barootaaf tuulamaniifi haaraan yeroo yeroon umaman tasgabbii namaaf hinlaanne gaggeessaa yaadamoota, imaammataafi tarsiimoolee kana mara barreessuun isaanii waan salphaa namni baayโ€™een raawwatu miti. Hoggansa haala addunyaa xiinxalee keessatti taphachuu dandaโ€™u qabaachuun keenya carraa guddaa dhimma ittibaโ€™uu qabnudha.
2. ๐‡๐ฎ๐๐ก๐š๐š๐ฅ๐ž๐ž ๐‚๐žโ€™๐ฎ๐ฎ ๐๐š๐›๐ง๐ฎ (๐’๐ญ๐ซ๐š๐ญ๐ž๐ ๐ข๐œ ๐๐š๐ซ๐ซ๐ข๐ž๐ซ๐ฌ)

Carraalee armaan olitti tarreeffaman dabalatee kanneen biroos hagamuu yooqabaanne, gufuulee nubiraa maddan (amala hoggansaa) hambisuu yoo hindandeenye, imalli keenya โ€˜tirannaaโ€™ taโ€™ee hafa. Hudhaaleen ceโ€™uu qabnu kunniin:
A. ๐๐ข๐ฑ๐š๐š๐ง ๐‡๐ฎ๐›๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ ๐ƒ๐ก๐š๐›๐ฎ๐ฎ: ๐ƒ๐ก๐ฎ๐ค๐ค๐ฎ๐›๐š ๐—œ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ ๐—œ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ ๐—”๐—ฟ๐—ด๐—ฎ๐—ป๐˜‚๐˜‚

Yaadamni Idaโ€™amuu rakkooleefi furmaatilee biyya keenyaa haala armaan dura hinbaramneen ifatti xiinxalee kaaโ€™e. Haataโ€™uutii hoggansa biratti qixaan hubachuu dhabuun (superficiality) nimuldhata. Kunis gadifageenyan dubbisuu, xiinxaluu, irratti mariโ€™achuu, haala qabatamaa naannawa keenyatti madaqsuu dhabuurraa madda. Dubbisni gadifageenya hinqabne duudhaalee buโ€™uuraa yaadamichaa harcaasuu, dogoggoraan hubachuufi akkaataa fedhii dhuunfaatiif (aangoo, faayidaa) toluun hiikuuf nama saaxila. Hoggansi yaadama hinhubatin ammoo dhaloota geggeessuu hindandaโ€™u.

B. ๐—›๐—ฎ๐—บ๐—บ๐—ฎ ๐‡๐ฎ๐›๐š๐˜๐—ฎ๐—ป๐—ถ๐—ถ ๐—ฆ๐—ผ๐—ฐ๐—ต๐—ผโ€™๐ฎ๐ฎ ๐ƒ๐ก๐š๐›๐ฎ๐ฎ: ๐—ข๐˜€๐˜‚๐—บ๐—ฎ ๐—•๐—ฒ๐—ฒ๐—ธ๐—ฎ๐—ป ๐—•๐—ฎ๐—น๐—น๐—ฒ๐—ฒ๐˜€๐˜€๐˜‚๐˜‚

Rakkoon gama kanaan jiru qixaan hubachuu dhabuu qofa miti. Haala mijataa jiru maratti dhimma baanee hamma hubanne raawwachuu dhabuudha. Kunis tokkoffaa humni nutarkaanfachiisu qaanqee sabboonummaa osoo hintaane โ€˜raawwateโ€™ jedhamuuf (performative adherence) yemmuu taโ€™u muudata. Oduu yaadamichaan walqabatu hoโ€™isaa raawwii oduu sana hinmadaalle galmeessisuun ibsama. Lammeessoo fakkeessuu (hypocrisy) irraa madda. Fakkeessitoonni wareegama ykn toโ€™annoo yaadamichi barbaadu hawaasa irraatti yemmuu feโ€™an, ofii isaanii bilisa taasisu. Ittiin bulinnaafi fakkeessun fudhatama ummata biraa argamu kan kuffisu, shakkiifi burjaajii kan uumudha. Akkasumas aangoo hamilee (moral authority) keenya gaaffii keessa kan galchudha. Yaadamichi gaarii taโ€™us, akka tuffatamu, gatii dhabu, ummanni dhagahuuf jibbu taasisa.

C. ๐ˆ๐ง๐ฃ๐ข๐Ÿ๐š๐ง๐ง๐จ๐จ ๐—๐ข๐ฑ๐ข๐ช๐ช๐š๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐๐ฎ๐ฎ๐Ÿ๐ฎ๐ฎ: ๐—ž๐—ถ๐˜†๐˜†๐—ผ๐—ผ ๐— ๐—ถ๐—น๐—ธ๐—ฎ๐—ฎโ€™๐—ถ๐—ป๐—ฎ ๐—ฆ๐—ฎ๐—บ๐˜‚๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ (๐—ฆ๐—ฎ๐—บ๐—ฝ๐—น๐—ฒ)

Injifannoo xixiqqaatti quufuun qormaata lagachuuf jecha adeemsa boqonnaa haaraa uumurra dheessun ibsama. Qabeenyafi dandeettii jiruun, akkasumas gufuuwwan alaafi keessoo muudachuu malan tarreessuun raawwii eegamu xiqqeessuun ykn onnee hatuun ibsama.

Injifannoo xixiqqaa leellisuun, beela injifannoo gurguddaaf qabaachuu mallu kan nudhabsiisu taโ€™uu hubatamuu qaba. Guddina tirataatti quufuun, humna galmoota ceesisoo keenya kan nukeessatti ajjeesudha. Milkaaโ€™inni ganda wayiitti galmaaโ€™e, hanga samuda bira taree Oromiyaa guutuutti babaldhatutti jijjiiramni buโ€™uuraa akka hinmilkoofne qusannaa malee fudhachuu qabna.

D. ๐€๐๐ž๐ž๐ฆ๐ฌ๐š ๐๐š๐ซ๐š๐ฆ๐š๐š ๐Š๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š ๐๐š๐ก๐ฎ๐ฎ ๐ƒ๐ก๐š๐›๐ฎ๐ฎ (๐’๐ญ๐š๐ญ๐ฎ๐ฌ ๐๐ฎ๐จ)

Hanga adeemsi keenya karaa moofaarraa hinbaanetti, yaadama Mootummaa Idaโ€™amuutiin afaan hiikkachuu qofti jijjiirama qabatamaa hindhugoomsu. Akkaataan rakkoo ittihubannu, tajaajila ittikenninu, gahee keenya ittilaallu kan yeroo darbeerraa daran yoo hinjijjiiramne buโ€™aan agramsiifnu hinjiraatu. Harโ€™as warraaqsa caalaa, sochii jijjiiramaa tirataa; tarkaanfii haaraa caalaa, adeemsa baramaa milkaaโ€™ina amansiisaa garuu ammoo muraasa argamsiisu filachuutu muldhata. Amala sirnoonni hawaasa keenya mankaraarsaa turan gadi dhaabanii deeman keessaa yoo hinbaane, hawaasicha irraa dhalachuun keenya qofti jijjiirama hinfidu. Qabsoon nuโ€™eeggatu yoojiraate kan ofirratti gaggeessinu taโ€™uu qaba.

3. ๐–๐š๐š๐๐š๐š ๐’๐ž๐ž๐ง๐š๐š: ๐ƒ๐ก๐š๐š๐ฆ๐ฆ๐š๐ญ๐š ๐†๐จ๐จ๐ฅ๐š๐›๐š๐š

Hoggansa Mootummaa Idaโ€™amuu taโ€™uuf, dhukkubbii haala barre keessaa bahuun nutti uumu damdamachuufi naamusa yaadama haaraan masakamuun barbaadu horachuun dirqama.
Ittigaafatamummaafi tarkaanfii haaraa (initiative) yaadamni kuni barbaadu fudhachuufi babaldhisuun dirqama.
Akka hoggansa Mootummaa Idaโ€™amuuutti, ergama akka biyyaatti kenname tokko, gahee akka naannootti nugahu shallaguun osoo hintaane guutumatti ofitti fudhannee milkeessuun sochoona. Yaadamni kun lafa qabatee maraamartoon tirannaa akka cabuufi imalli utaalchoo akka iddoo qabatu, gaheen hoggansa naannoo keenyaa dachaadha.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.