Baankiin Chaayinaa ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuuf deeggarsa maallaqaa taasisuuf fedhii agarsiise
Finfinnee, Bitootessa 23, 2018(FMC) – Baankiin Chaayinaa ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu raawwachiisuuf kan oolu deeggarsa maallaqaa taasisuuf fedhii agarsiiseera.
Jilli Ministeera Maallaqaa fi Giruuppii Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaarraa walitti babba’e Hoggantoota Baankii Chaayinaa waliin marii bu’aa qabeessa taasiseera.
Dizzaayinii Piroojektichaa, yeroo ijaarsi isaa itti xumuramuu fi maallaqa ijaarsa buufatichaaf barbaachisu ilaalchisee hoggantoota baankichaaf ibsi taasifameera.
Piroojektichi guddina Diingadee Itiyoophiyaaf murteessaa ta’uu ibseera.
Hoggantoonni Baankii Chaayinaa gama isaaniin, baankiin isaanii Piroojektoota Daandii Qilleensaa Afrikaarratti Invastii gochuu muxannoo qabaachuu ibsuun, ijaarsa Buufata Xiyyaaraa idil Addunyaa Bishooftuufis deeggarsa maallaqaa taasisuuf fedhii qabaachuu dubbatan.
Baankichi Baankii Misooma Afrikaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun hammattoo fi tumsa faayinaansii pirojektoota Afrikaa keessatti hojjetaman deeggaruuf isa dandeessisu qorachuuf hojjetaa jiraachuu eeran.
Qaamoleen lamaan damee teeknikaa fi faayinaansiin tumsaan hojjechuuf waliigaluu Ministeerri Maallaqaa ibsa Faanaa Diijitaaliif ergeen himeera.
#Oromia #Ethiopia