Fana: At a Speed of Life!

Xaaliyaan Waancaa Addunyaan ala ta’uu hordofee pirezidaantiin Feedeereeshinii Kubbaa Miilaa biyyattii aangoo gad dhiisan

Finfinnee, Bitootessa 24, 2018 (FMC) – Xaaliyaan Waancaa Addunyaan ala ta’uu hordofee pirezidaantiin Feedeereeshinii Kubbaa Miilaa biyyattii, Gabireel Graaviinaa, fedhii isaaniitiin aangoo gad dhiisaniiru.

Pirezidaantichi aangoo gadi dhiisuun isaanii kan ibsame Xaaliyaan Boosniyaa Herzeegoviinaan mo’amtee Waancaa Addunyaa 2026n ala ta’uu ishee hordofee, feedeereeshinichi walgahii ariifachiisaa gaggeesse irratti ture.

Giraaviinaan waggoota aangoo irra turan keessatti gareen biyyaalessaa Xaaliyaan Waancaa Addunyaa lama irratti hirmaachuu hin dandeenye.

Gareen biyyaalessaa Xaaliyaan yeroo sadaffaaf walitti aansee Waancaa Addunyaa irraa hafuu hordofee, leenjisaan garee biyyaalessaa Jinaaroo Gaatusoo fi hoogganaan garee biyyaalessaa Jiyaanluujii Bufoon haaluma walfakkaatuun aangoo isaanii gad dhiisuuf akka jiran odeeffamaa jira.

Feedeereeshiniin kubbaa miilaa biyyattii ji’a Waxabajjii dhufu keessatti pirezidaantii haaraa ni filata jedhamee eegama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.