Fana: At a Speed of Life!

Biyya yeroo gabaabaa keessatti oomisha Qamadiin Afrikaarraa adda duree taate…

Finfinnee, Bitootessa 25, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti Afrikaa irraa biyya qamadii baay’inaan oomishtuu taate jedhe Waajjirri Ministira Muummee.

Utubaa ijoo jijjiiramaa qonna gara oomishtummaa, hedduminaafi dandeettii amansiisaa waaraa ta’eetti fooyyessuudha.

Itiyoophiyaan oomisha qamadiin of danda’uun milkaa’ina goonfatteetti.

Hoggansa qonna qamadiin agarsiisteen guutummaatti ofdanda’uu dandeesseetti.

Haaluma kanaan bara 2017 Itiyoophiyaan Afrikaa irraa biyya qamadii baay’inaan oomishtuu taatee jirti.

Heddumminni qamadiis saffisa olaanaan dabaleera. Karaa filmaata misooma boneen keessumaa oomishni midhaan dheedhii, zayitaa, fi kanneen biroo misooma indaastiriif oolan sadarkaa olaanaan akka dabalan gochuun danda’ameera.

Qabeenyi beelladaafi oomishaaleen qonnaa sona olaanaa qaban guddina ariifachiisaa galmeessisaa jiru.

Oomishtummaan hanqaaquu waggaatti biiliyoona 9.4, kan aannanii liitira biiliyoona13 kan gahe yoo ta’u oomishni fooniis gara dachaa kudhaniitti guddateera.

Bu’aaleen kunneen ce’umsa sirna nyaataa fayyaalessaafi madaala isaa eege, wabii nyaataa fi madda galii baadiyyaa heddummina eeggateetti taasifamu agarsiisu.

Qonnaan butoonni miiliyoonni 9.5 qonna kilaastaraan lafa hektaara miiliyoona 12.8 irratti jijjiirama bu’uuraa argamsiisaniiru.

Kunis guddina oomishtummaa %29 fi daballii galii %18 hammata.
Akka waliigalaatti oomishni qonnaa waggoottan torba keessatti toonii miiliyoona 41.7 irraa gara toonii miiliyoona 100 fi miiliyoona 50’tti guddateera.

Kunis dameen qonnaa guddina diinagdee galmaa’e keessatti qooda olaanaa akka bahatu godheera.

Akkasumas carraa hojii magaalaafi baadiyyaatti uumameef qooda olaanaa bahateera.

Oomishtummaan qonnaa guddina galee daldala alaaf qooda olaanaa kan bahate yoo ta’u oomishni bunaa dachaan guddachuun bu’aan bunni miicame tooniin miiliyoonni tokko galmaa’eera.

Bara 2017 qofaatti sharafa alaa Doolaara biiliyoomna 2.65 argamsiiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.