Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti waggoottan shanan darban abbootiin qabeenyaa kappitaala Birrii biiliyoona 400 galmeessisan simataman

Finfinnee, Bitootessa 25, 2018 (FMC) – Waggoottan shanan darban abbootiin qabeenyaa kappitaala Birrii biliyoona 400 fi biiliyoona 4.8 galmeessisan simatamuun hojiitti galan jedhe Biiroon Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa.

Biiroon Invastimentiifi Indastirii Oromiyaa naannichatti indaastiriifi Invastimentii itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetaa jira.

Kana dhugoomsuufis waggoottan shanan darbanitti kenna tajaajilaa biirichaan kennamu ammayyeessuun kenna tajaajilaa si’ataa, haqa qabeessaafi qaqqabamaa taasisuu hime.

Biirichi saganataa egzibiishinii imala mootummaa naannoo Oromiyaa qindeessummaa Biiroo kominikeeshinii Oromiyaan qopha’e irratti milkaa’inoota isaa waggoottan shanan darbanii dhiyeessuun daawwatamaa jira.

Waggoottan shanan darbanitti abbootiin qabeenyaa kumni 23 fi 315 ol kappitaala Birrii biiliyoona 400 fi biiliyoona 4.8 galmeessisan simatamuun hojiitti galuuDaayrektarri kominikeeshinii biirichaa obbo Siyyuum Hayilee ibsaniiru.

Qonnaan bultoota,Waldaalee Interpiraayizii Maayikiroo Xixiqqaa fi waldaaleen hojii gamtaa kumni 18 fi 936 ta’anis gara Invastimentiitti ce’an jedhan.

Waggoota shanan darban oomishtummaa indaastirii dabaluun humni oomishtummaa % 47 irraa gara % 65.5tti ol guddachuu kaasuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.