Fana: At a Speed of Life!

Konfiraansiin Tuurizimii maqaa biyyaa beeksisuuf faayidaa olaanaa qaba – Obbo Tasfaahuun Gobazaay

Finfinnee, Bitootessa 27, 2018 (FMC) – Konfiraansiin Tuurizimii maqaa biyyaa beeksisuuf faayidaa olaanaa qaba jedhan Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Tasfaahuun Gobazaay.

Waggoottan darban keessa konfiraansiin Tuurizimii guddina olaanaa agarsiisuu ibsan.

Fooyyessi damichaan taasifame bu’aa gaarii galmeessuu kaasan obbo Tasfaahuun.

Iddoolee ga’umsa Tuuriziimii babal’isuu fi kunuunsuu dabalataan hojiileen Turistoota hawwachuu bal’inaan hojjetamuu dubbatan.

Itiyoophiyaan torbee Konfiraansii dandeettii Sodaa Balaa Afrikaa 16ffaa qopheessuuf qophii xumuruu eeran.

Finfinneen bara 2017 keessa qofa Konfiraansiiwwan 152 ol keessummeessuu himuun, baranas konfiraansiiwwan hedduun gaggeeffamuu fi ammas itti fufiinsaan kan gaggeeffaman ta’uu dubbatan.

Konfiraansii dandeettii Sodaa Balaa Afrikaa 16ffaan kun

Bitootessa 30, 2018 hanga Ebla 1, 2018 Finfinneetti taa’ama jedhan.

Abiy Geetahuuniin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.