Fana: At a Speed of Life!

Dorgommiin Ispoortii Aadaa 23ffaa fi Feestivaalli Ispoortii Aadaa 19ffaan olaantummaa naannoo Oromiyaan xumurame

Finfinnee, Bitootessa 27, 2018 (FMC) – Dorgommiin Ispoortii Aadaa 23ffaa fi Feestivaalli Ispoortii Aadaa 19ffaan naannoo Harariitti dorgomamaa ture olaantummaa naannoo Oromiyaan xumurameera.

Dorgommii Ispoortii Aadaa 23ffaa fi Feestivaala Ispoortii Aadaa 19ffaa guyyoota torbaaf gaggeeffamaa ture Naannoon Oromiyaa waliigalaan qabxii 61 walitti qabachuun olaantummaan xumurameera.

Naannoon Kibba Itiyoophiyaa ammoo agarsiisa aadaa0 olaantummaan xumurureera.

Magaalaa Dirre Dhawaa fi magaalaa Finfinnee dabalatee Ispoorteessitoonni kumni 1 fi 500 naannolee Itiyoophiyaa hundarraa walitti babba’an gosoota Ispoortii Aadaa 11’n dorgomaa turaniiru.

Pireezidaantiin Federeeshinii Ispoortii Aadaa Aadde Hiwoot Mahaammad dorgommichi akka biyyaatti dorgomtummaa gama Ispoortii aadaan jiruuf abdii guddaa ta’uu himaniiru.

Hanga ammaatti akka biyyaatti gosoonni Ispoortii aadaa 293 jiraachuu kan himan Aadde Hiwoot Mahaammad, isaan keessaa dambii fi seera dorgommii kan guutan 11 qofa dhiyaatan ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan Dorgommii Ispoortii Aadaa fi Feestivaala Ispoortii Aadaa Afrikaa qopheessuuf ammumarraa qophii gahaa taasiisaa jiraachuu eeran.

Naannoon Sidaamaa Dorgommii Ispoortii Aadaa 24ffaafi Feestivaala Ispoortii Aadaa 20ffaa qopheessuuf carraa fudhateera.
Nageessoo Kadiriin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.