Soogiddaafi Zayita qofa gabaadhaa bittanna – Qonnaan Bultoota Magaalaa Shaashamannee
Finfinnee, Bitootessa 28, 2018 (FMC) -Soogiddaafi Zayita qofa gabaadhaa bittanna jedhan Qonnaan Bultootni Magaalaa Shaashamannee.
Waggoottan jijjiirama darban hojiirra kan oole Inisheetiiviin Maaddii Guutuu fi nyaataa Boroo kootti jedhu wabii midhaan nyaataa mirkaneeffachuun dabalata qonnan bultootaaf madda galii ta’eera.
Obbo Qaasiim Daaluu Qonnaan Bulaa Magaalaa Shaashamanneeti.
Inisheetiiviin Maaddii Guutuu fi nyaataa Boroo kootti jedhu sirnan hojiirra oolchuun biqiltuu gosoota 20 ol ta’an dhaabuun irraa fayyadamaa jiraachuu ibsan.
Lafa xiqqoo irratti oomisha gosa garagaraa misoomsuun maatii ofiirra darbuun gabaaf dhiyyeessuun maallaqaa irraa argaata jiraachuu himaniiru.
Erga inisheetivii kana hojiirra oolchinee Soogiddaafi Zayita qofa gabaadhaa bitaachaa jirra jedhan.
Sagantaan Maaddii Guutuu fi nyaata Boroo kootti jedhu kuduraaleefi muduraalee dabalatee oomishaalee akka Aannanii, Killee, Dammaa, Lukkuu, Qurxummii fi kanneen biroo guddisuurratti kan xiyyeeffateedha.
Itti gaafatamaan waajjiraa qonnaa Magaalaa shaashamannee Dooktar Quufaa Musxaafaan sagantaa Maaddii Guutuu fi nyaata Boroo kootti jedhu qonnaan bultootaa hundaa biraatti babbal’uuf hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Yuunivarsiitii Madda Walabuuti Koolleejji Qonnaa fi Qabeenya Ummammati Barsiisaa, Qorataa fi Qindeessaan Muummee Dinagdee Qonnaa Mufti Jeeyilaan Sagantaan Maaddii Guutuu fi nyaata Boroo kootti jedhu inisheetiiviiwwan jiruufi jireenya lammiilee jijjiiruu keessatti gahee guddaa qaban ta’uu dubbatan.
Lammaa Tasfaayeetuu gabaasee.
#Oromia #Ethiopia