Shaampiyoonaan Olompiikii Paariis, Atleet Gaabii Toomaas dorgommii Girand Piriksii Finfinnee irratti akka hirmaattu beeksiste
Finfinnee, Bitootessa 29, 2018 (FMC) – Atileetiin Shaampiyoonaa fiigicha meetira 200 Olompiika Paariis, Gaabii Toomaas dorgommii Giraand Piriksii Finfinnee irratti akka hirmaattu beeksisteetti.
Dorgommiin idil-addunyaa guyyaa tokkoo kan Itoophiyaan yeroo jalqabaaf keessummeessitu kun, Eebila 10 bara 2018 gaggeeffama.
Dorgommii kanarratti atileetiin Ameerikaa Gaabii Toomaas akka hirmaattu mirkanaa’eera.
Gaabiin Olompiika Paariis 2024 irratti meetira 200’n maddaala warqee kan mo’atte yoo ta’u, miseensota garee ishee waliinis biyya isheetiif maddaala warqee biroo argamsiisuun ishee ni yaadatama.
Atleetiin kun Shaampiyoonaa Addunyaa Budaappest irratti maddaala Meetii, Olompiika Tokyoo irratti ammoo maddaala Naasii mo’achuun ishees kan yaadatama
#Oromia #Ethiopia.