Du’aan boqochuu Ambaasaaddar Qoonjit Sinagiyoorgisiin gadduu isaanii Dooktar Abiy Ahimad ibsan
Finfinnee, Bitootessa 29, 2018 (FMC)- Du’aan boqochuu Ambaasaaddar Qoonjit Sinagiyoorgisiin gadduu isaanii Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, walakkaa jaarraa oliif Itiyoophiyaa damee dippiloomaasiin kan tajaajilan Ambaasaaddar Qoonjit Sinagiyoorgis du’aan boqochuu isaaniitti gadda natti dhagahame ibsuun barbaada jedhan.
Ambaasaaddar Qoonjit ijoollummaa isaanii irraa eegalanii biyya isaanii dippiloomaatummaan tajaajilun Ambaasaaddar Yoodit Immiruutti aananii Ambaasaaddara dubartii 2ffaa ta’uu ibsaniiru.
Ejennoo cimaa seera, hojimaata, pirootokooliifi faayidaalee Itiyoophiyaaf qabaniin isaan yaadanna jedhan.
Dubartoonni dippiloomaatiin hedduun damicharratti akka hirmaataniif daandii saaquus eeraniiru.
Maatii, waahellan hojiifi Itiyoophiyaanota hundaaf jajjabinan hawwa jedhaniiru ergaa isaaniin.
#Oromia #Ethiopia