Fana: At a Speed of Life!

Agarsiifni Daldalaafi Baazaariin walitti hidhaminsa gabaa mijeessuun tasgabbiin gatii akka jiraatu taasisa – Dooktar Tashoomaa Addunyaa

Finfinnee, Bitootessa 29, 2018 (FMC) – Kutaalee Magaalaa Shaggar hunda keessatti ayyaana Hiikaa sababeeffachuun agarsiisni baazaarii daldalaa mata duree “Shaggar Oomishaa jirti”jedhuun gaggeeffamaa jira.

Agarsiifni Daldalaafi Baazaariin walitti hidhaminsa gabaa mijeessuun tasgabbiin gatii akka jiraatu taasisa jedhan Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan.

Dooktar Tashoomaa Addunyaan baazaarii kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti qophaa’e bananiiru.

Kaayyoon agarsiisa baazaarichaas daldaltootaafi fayyadamtoota meeshaalee bu’uuraa, akkasumas oomishaalee qonnaa walqunnamsiisuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf ta’uu himan.

Hanqinni dhiyeessii oomishaalee indaastiriifi bu’aa qonnaa akka hin muudanneef agarsiisni baazaariifi daldalaa kun qophaa’uu eeran.

Oomishaalee akaakuu garaagaraa baazaaricharratti dhiyaatan qaala’insi gatii akka hin uumamne taasisaa jiraachuu kaasan.

Shaggar Magaalaa yaadama haaraan hundoofte akkasumas magaalaa giddu-gala Oomishtummaafi gurgurtaa ta’uun kalaqaafi teeknooloojiin dabaalamuun hojjechaa jirtuudha jedhan.

Baazaariin guyyoota 7’f turu kanaan oomishaaleen qonnaa fi indaastirii magaalichatti oomishaaman gatii madaallawaan fayyadamtootaaf dhiyaachaa jiraachuu Ittaanaan Waajjira Kominikeeshinii magaalaa Shaggar obbo Namoomsaa Shaambaal Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.