Guyyaa Iyyasuus Kiristoos jaalala, gaarummaa fi gadi of qabuu itti barsiise…
Finfinnee, Ebla 1, 2018(FMC) – Har’a torbee dhukkubbii guyyaa 4ffaa Kamisa kadhannaati.
Guyyaa Iyyasuus Kiristoota duuka buutoota isaa gadi jedhee miila dhiquun gaarummaa, jaalalaa fi miira gadi of qabuu itti barsiiseedha.
Guyyaa kana hordoftoonni mana amantaa Kiristaanaa Ortodoksii Waloomaa fi Kaatoolikii sirnoota amantaa garaagaraan yaadatanii oolu.
Iyyasuus Kiristoota icciitii qurbaanaa guyyaa kana
hundeesse waan ta’eef guyyaa icciitii jedhamee
beekama.
Guyyaan kun moggaasaalee garaagaraa kan qabu yoo ta’u, Kamisa Kadhannaa, Kamisa ajajaa(abboommii), sirna Kamisaa(guyyaa iccitii), kamisa kakuu haaraa fi kamisa bilisummaa jedhamuun kan waamamu ta’u barsisonni amantichaa ni hubachiisu.
Guyyaa Kadhannaa:-Iyyasuus Kiristoos bakka biqiltoota lalisoo keessatti kadhate yaadachuun kadhannaa Kamisaa ykn Kamisa magariisa jedhameera.
Guyyaa Miila dhiqaa:- Iyyasuus Kiristoos kasoominaan miila duuka-bu’ootaa gadi-jedhee dhiquun “𝑖𝑠𝑖𝑛𝑖𝑠 𝑎𝑘𝑘𝑎𝑛𝑢𝑚𝑎𝑡𝑡𝑖 𝑘𝑎𝑛𝑛𝑒𝑒𝑛 𝑏𝑖𝑟𝑜𝑜𝑓 𝑟𝑎𝑎𝑤𝑤𝑎𝑑ℎ𝑎𝑎” jedhee waan ajajeef dhiqannaa kamisaa ykn Kamisa ajajaa jedhamti.
Guyyaa Icciitii (Qurbaana):- Iyyasuus Kiristoos icciitii qurbaanaa guyyaa itti hundeesse waan ta’eef guyyaa icciiitiis ni jedhama.
Kamisa Bilisummaa:- Guyyaa kana waggoota baay’eef, dhalli namaa garbummaa Seexanaa jalatti kan bitamaa ture, waa’ee bilisummaa dhala namaa waan dubbateef kamisa bilisummaa jedhama.
Kamisa Kakuu Haaraa :-Guyyaan kun guyyaa itti aarsaan kakuu moofaa inni gaddidduu ture sun aarsaa isa dhugaa sanaan bakka bu’edha.
Iyyasuus Kiristoos duuka bu’oota isaa waliiin dursee faasikaa kakuu moofaa isa dhiiga beeyladootaa fi midhaaniin taasifamu sana erga raawwatee booda Dhiigaa fi Foon isaatiin faasikaa taasisuun qurbaana kakuu haaraa hundeesse.
Mulluu Shuummoon Baaqela, Qamadii fi Boqqolloo irra qophaa’uun guyyaa Kamisaa kan nyaatamu yoo ta’u kanis gadda tibbasanii ibsuuf yaadannoo raawwatamudha.
Torbee dhukkubbii kana keessa sirni qulqulleessaa kan gageeffamu guyyaa Kamisaa qofa.
Torbee dhukkubbii kana keessa Iyyasuus Kiristoota dhukkuboota 13 dhukubsate isaanis :-Mataa Rukutamuu, Kaballaa,Hancufa itti tufuu,Dhangaggaa’aa Dhuguu, Dugda Reebamu,Qullaa Taa’uu,Ninaacha eeboon waraanamuu,Harkaa duubatti hidhuu,Mismaara Saadoo,Mismaara Alaador, Mismaara Daanaat,Mismaara Adeeraa,Mismaara Roodaas jedhaman dhukkubsate.
#Oromia #Ethiopia