Kadhannaan Kamisaa kabajamaa jira
Finfinnee, Ebla 1, 2018 (FMC) – Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa Itiyoophiyaatti kadhannaan Kamisaa sirnoota garaagaraan kabajamaa jira.
Mana Amantaa Kiristaanaa Ortodoksii Waloomaa Qulqulluu Kaatediraalii Sillaaseetti bakka abbootiin amantaa fi hordoftoonni amantichaa argamanitti sirnoota adda addaan kabajamaa jira.
Kadhannaa, sagada, miila dhiquu, sirna qulqulleessaa fi sagantaalee afuuraa biroon kabajamaa jira.
Guyyaa Iyyasuus Kiristoos barattoota isaa waliin Irbaata dhumaa itti nyaate.jaalala, gaarummaa fi gadi of qabuu itti barsiise.
#Oromia #Ethiopia