Guyyoota Torbee dhukkubbii..
Wiixata – Guyyaa Iyyasuus Kiristoos mana waaqayyoo qulqulleesse, warra daldalan keessaa ari’uun mana waaqayyoo kabajuu akka qabnu barsiise.
Guyyaa kanatti Iyyasuus Kiristoos gochawwan lama raawwate. 1ffaa muka balas akka abaaree lammaffaan immoo mana qulqullummaa isaa qulqulleesse.
Kibxata – Guyyaa Iyyasuus Kiristoos barsiisa guddaa kennuu itti fufe,hammeenya yaaduun akka hin tolle gorsa kenne.
Guyyaan kun barsiisonni fariisotaa aangoo inni ittiin raajiiwwan (dinqii) kana ittiin hojjatu guyyaa itti gaafatan waan ta’eef guyyaa gaaffii jadhama.
Roobii:- Guyyaan kun guyyaa marii Ayihuudotaa jedhama. Sababni isaas angafoonni lubootaa fi barreessitoonni walitti dhufuun, akkamitti Iyyesuus qabatanii akka fannisan guyyaa itti mari’atanidha. Bifti Gooftaa fi warra duuka bu’oota waliin wan wal fakkaatuuf, “akkamitti addaan baasuu dandeenya?” jechuun mari’atan.
Kamisa –Guyyaa Iyyasuus Kiristoota barattoota isaa waliin Irbaata dhumaa itti nyaate.Guyyaa kadhannaa, Miila dhiqaa, Iccitii, Kakuu Haaraa fi bilisummaa jedhama.
Jimaata – Guyyaa Iyyasuud Kiristoota ilma namaa fayyisuuf fannifamee du’e. Fannifamee jaalala dhugaa itti agarsiisee fi dhiphina guddaa fudhateedha.
Sanbata (Sanbata Qulqulluu):- Guyyaa Gooftaan boqotee fi jannata itti baneedha.guyyaa obsaa fi abdii itti barsiise.
Torbee dhukkubbii keessa ayyaanonni biroo kamiiyyuu hin kabajamu. Ayyaanotni kun dursanii ykn ayyaana du’aa ka’uu booda akka kabajaman ni taassifama akkaataa barsiifata amantichaan.
#Oromia #Ethiopia