Hojmaata Kaadasteraa Bulchiinsa Lafaa Ammayyeessuu keessatti…
Finfinnee, Ebla 1, 2018 (FMC) – Biiroon Lafa Oromiyaa lafti karaa qinda’aa fi sirnaawaa ta’een hogganamuun misooma yaadameef akka ooluuf xiyyeeffannoon hojjechaan jira jedhe.
Mootummaan jijjiiramaa bulchiinsa lafaaf xiyyeeffannoo olaanaa kenneen hojiileen damichaan hojjetaman bu’aalee hedduu galmeessaniiru.
Hojiilee gurguddoo Biirichi qabatee jiru keessa tokko kaadastera baadiyyaa fi magaalaa ta’uu Daayrekterri Kominikeshinii Biiroo lafaa Oromiyaa obbo Shimallis Laggasaan Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Kaadasterri gaaffiilee Lafti kan eenyuti ? eenyuun qabame ? akkamiin fi eessaa argama jedhaniif deebii laataa jiraachuus kaasaniiru.
Biirichi qabiyyee bulchiinsa lafaa sirnaan bulchuuf kaadastera baadiyyaa fi Magaalaatti hojiirra oolchuu dubbatan.
Hojii Bulchiinsa lafa magaalaa ammayyeesuun hojjetameen qabiiyyeen lafaa miiliyoonni 1 ol kaadasteran galmaa’uu eeraniiru.
Kanaanis abbootii qabiyyee kuma 800 fi kuma 72 oliif wabiin abbaa qabiyyuummaa mirkanaa’uu eeraniiru.
Waggoottan darban hojii hojjetameen kaadasterri baaddiyyaa aanaalee 222 keessatti hojiirra ooluu obbo Shimallis himaniiru.
Akkasumas magaaloota 63 keessatti tajaajiloonni kumni 500 fi kumni 29 ol siistamaa kaadasteran deeggaramuun kennamuu ibsaniiru.
Dabalataniis Biirichi akkaataa kenniinsa tajaajilootaa ammayyeessuun iftoominaa fi itti gaafatamummaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Alseerummaa, magaaloota fi baadiyyaa keessatti mul’atanirratti tarkaanfiiwwan sirreeffamaa fudhachuun lafti pilaaniin akka hogganamuuf hojin bal’aan hojjetamuu ibsan.
Magaalota adda addaa keessatti lafti seeraan ala qabame heektarri kumni 15 fi 118 Baankii lafaatti deebi’uu eeran.
Akkasumas baadiyyaattis qabannaa fi qubannaa seeraan alaan lafti heektarri kumni 200 fi kumni 45 fi 800 ol iskootii mootummaatti deebi’uun misooma adda addaaf akka oolu taasifameera jedhan.
Bu’aan damee kanaan argame alseerummaa magaalaa fi baadiyyaatti babal’ate hir’isuu danda’eera jechuun ibsaniiru.
Diinagdee lafaa dabaluuf sirnaan bulchuu fi lafa misooma barbaachiisuuf oolchuuf hojii hojjetameen lafti hektarri kumni 400 fi kumni 64 fi 837 murtoo boordiittin invastimeentiif akka oolu taasifamuu obbo Shimallis kaasaniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia