Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni Yeroo Qalmaa Gogaan akka Hin Banne Of-eeggannoo gochuu qaba – Ministeericha

Finfinnee, Ebla 1, 2018 (FMC) – Ministeerri Qonnaa, hawaasni yeroo qalmaa oomishni gogaa fi kallee akka hin banne of-eeggannoo akka godhu hubachiiseera.

Itti-gaafatamaan Deeskii Misooma Qabeenya Foonii fi Gogaa Ministeerichaa Obbo Asmallaash Barhee Faanaa Dijitaaliitti akka himanitti, Itiyoophiyaatti waggaa waggaatti gogaan loonii fi kalleen hoolaa fi re’ee miliyoonaan lakkaawwaman ni oomishamu.

Hata’u malee, oomishni qulqullinaan fi baay’inaan walitti qabamee gabaaf dhiyaatu kan oomishamuun wal bira qabamee yoo ilaalamu xiqqaadha jedhan.

kanafis gabaan beelladootaa xiqqaachuu fi hanqinni hubannoo jiraachuu akka sababaatti kaasaniiru.

Gogaa fi kalleen dinagdee, carraa hojii uumuu, tajaajiloota aadaa adda addaa fi dhiyeessii sharafa alaa biyyaatiif gumaacha olaanaa akka qabuu fi kanas sirnaan itti fayyadamuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Ayyaana Fasikaa dhufu irratti qalmi beelladootaa hedduun waan raawwatamuuf, adeemsa qalma duraa, yeroo qalmaa fi qalma booda hanqinootni qulqullina gogaa irratti akka hin uumamne of-eeggannoon akka barbaachisu dubbataniiru.

Beelladoota qalmaaf dhiyaatan uleedhaan reebuu dhiisuu, yeroo qalmaa bakka qalmi itti raawwatamu qulqulleessuu,yeroo qalmaaf kuffisan lafatti akka hin rukkutamne of-eeggachuu, dhiigni isaanii guutummaatti akka dhangala’u gochuu, boca gogaa eeguu fi akkaataa addaan baasuu uumamaa hordofanii gogaa irraa baasuu, gogaan akka hin waraanamne of-eeggannoo guddaa gochuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Akkasumas qalma booda gogaa yeroo walitti qaban lafa irra harkisuu dhiisuu, xurii irraa eeguu fi akka hin tortorre of-eeggannoo gochuu, gogaa lafa irratti gogsuu dhiisuu fi haala sirrii hin taaneen akka hin rarraafamne of-eeggachuu barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Bara baajataa 2017 keessa gogaan fi kalleen miliyoonni 27 oomishamuu yaadachiisanii, hanqina qulqullinaa waliin walqabatee oomishni dinagdee keessa seenu murtaa’aa ta’uu ibsaniiru.

Kanaafuu, hawaasni mala of-eeggannoo kana hojiirra oolchuun bu’aa gogaa fi kallee irraa argamu guddisuuf gahee isaa akka ba’u gaafataniiru.

Admaasuu Arraagaaw’n

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.