Pireezidantiin Burundii Ivaaristee Nidaayishimiyee Yaadannoo Injifannoo Adwaa jala Abaaboo Kaa’an
Finfinnee, Eebila 1, 2018 (FMC) – Pireezidantiin Rippaabilika Burundii fi Walitti-qabaan Yeroo Gamtaa Afrikaa Ivaaristee Nidaayishimiyee Yaadannoo Injifannoo Adwaa jala abaaboo kaa’aniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti ergaa dabarsaniin: “Har’a Pireezidantii Rippaabilika Burundii fi Walitti-qabaa Yeroo Gamtaa Afrikaa Ivaaristee Nidaayishimiyee Yaadannoo Injifannoo Adwaatti kabajaan simanneerra” jedhaniiru.
Pireezidantichi yaadannoo gootota Adwaa jala abaaboo kan kaa’an yoo ta’uu eeranii, seenaa injifannoo Adwaa kan saba gurraacha hundaaf ibsaa bilisummaa ta’e daawwachiifneerra jedhaniiru.
Aadde Adaanech ergaa isaaniitiin yeroo Yaadannoo Injifannoo Adwaa keessatti dabarsaniif galateeffatanii, biyya dureettii Itoophiyaa akkasumas teessoo Afrikaanotaa Finfinnee keessatti yeroon dabarsitan bu’aa qabeessa akka ta’u maqaa kootiinis ta’e maqaa bulchiinsa magaalichaan nan hawwa jechuun ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia