Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Fannoo…

Finfinnee, Ebla 2, 2018(FMC) – Har’a Ayyaanni Fannoo sirnoota adda addaan kabajamee oola.

Har’i torbee dhukkubbii guyyaa 5ffaadha.

Guyyaa Iyyasuus Kiristoos Addaamii fi Ijoollee isaaf beenyaa ta’ee Fannoo irratti fannifame guyyaa Fannoo jedhama.

Meeshaa adabbii yakkamtootaa Fannoo guyyaa itti Iyyasuus Kiristoos dhiiga isaatiin qulqulleessee mallattoo jireenyaa, mallattoo araaraa fi ittiin seexanni injifatamu taasisee dhala namaaf kennedha.

Aarsaa kakuu haaraa ta’ee of dhiyeessuun dhala namaa garbummaa seexanaa jalaa guyyaa itti bilisa baase waan ta’eef guyyaa bilisummaa jedhama.

Iyyasuus Kiristoos guyyaa itti lubbuuwwaniif fayyinaa fi boqonnaa kenne waan ta’eef guyyaa qulqulluu jedhama akkaataa barsiifata manneen amantaa Kiristaanaan.

Guyyaa Iyyasuus Kiristoos dhala Namaa fayyisuuf qaraaniyootti fannoo irratti fannifame, bilisummaa Ijoollee Addaamiif itti labseedha jedhu barsiisonni amantichaa.

Guyyaan kun Manneen Amantaa Kiristaanaa Ortodoksii Waloomaa fi Kaatoolikii dabalatee manneen amantaa Kiristaanaa biroo keessatti sirnoota garaagaraan kabajamee oola.

Guyyaa Iyyasuus Kiristoota ilma namaa fayyisuuf fannifamee du’e, jaalala dhugaa itti agarsiisee fi dhiphina guddaa fudhate kun Soomaa fi Sagada, kadhannaa, lallabaa fi faaruu adda addaan ni kabajama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.