Fana: At a Speed of Life!

Boordichi paartilee siyaasaa naannolee waliin mari’ate

Finfinnee, Ebla 2, 2018 (FMC) –Boordiin Filannoo Biyyaalessaa hoggantoota paartilee siyaasaafi naannolee waliin mari’ateera.

Marichaan rakkoolee adeemsa filannoon dura paartilee siyaasaa mudatan irratti mari’ataniiru.

Bifuma walfakkaatuun raabsaa meeshaalee sagaleen itti kennamu ilaalchisee konkolaattotaafi boba’aa dhiyaachuu qaban irratti hoggantoota olaanoo naannolee waliin mari’ataniiru.

Hoggantoonni Boordichaa turtii naannoleetti taasisaniin buufataalee filannootti adeemsa galmee filattootaa daawwachuu ragaan Boordicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.