Dooktar Abiy Ayyaana Du’aa ka’uu Sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan
Finfinnee, Ebla 3, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Yaadannoo Du’aa ka’uu Iyyeesuus Kiristoos sababeeffachuun erga baga geessanii dabarsaniiru.
Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Baga ayyaana Du’aa Ka’uu Iyyesuus Kristoosiin isin ga’e, baga waliin geenye jedhan.
Guutuun ergaa isaanii akka itti aanuutti dhiyaateera.
Ayyaanni Du’aa Ka’uu hordoftoota amantii Kiristaanaa biratti iddoo addaa kan qabudha.
Du’aan booda, jireenyi , awwalcha booda du’aa ka’uun kan itti lallabameedha.
Dhumni du’aa bakka awwalchaa akka hin taane kan itti mirkanaa’edhan.
Namni sababa Addaamiin gara lafaatti gad bu’e, sababa Kristoosiin gara oliitti kan itti ol ba’edha.
Ayyaana Du’aa Ka’uu baranaa wayita kabajnuu, biyyi keenya Itiyoophiyaan qorumsa darbu keessaa akka jirtu yaadachaati jedhan Dooktar Abiy ergaa isaaniin.
Daandiin keenya dheeraa, imalli keenya qorumsaan kan guutamu ta’uu ni beekna.
Ifa akka hin agarreef kan nu dhorku, dukkanna hamaan badnee akka hafnuuf wanjoowwan nu hidhuuf yaalan hedduudha.
Sababoonni gara lafa abdiitti akka hin ceneef nu harkisaan guutaniiru.
Haa ta’u malee, dhukkubbii booda du’aa ka’uun, gufuu boodas milkaa’inni akka nu eeggatu amannee ni qabsoofna.
Jala bultii Du’aa Ka’uu, warra abdi qaban, warra abdii kutatan, warra oduu oofan, warra abdii nama kutachiisanii fi warra shakkantu ture.
Warri amanaa turan qormaaticha akka darban ni beeku ture.
Gidiraan guyyaa Fannoo jala bultii Du’aa Ka’uutiif akka ta’e mirkanaa’oo turan.
Balballi dhagaa fi eegdonni awwalchaa Du’aa Ka’uu sana hambisuu akka hin dandeenye mirkanaa’oo turan jedhan.
Oduun odeeffamu hundi umriin isaa gabaabaa akka ta’e mirkanaa’oo turan.
Mirkanaa’oo waan turaniifis, aarsaa kaffaluuf qophaa’anii turan.
Dhugaa sana ragaa ba’uufis kutannoo qabu turan.
Fannoo jalatti argamuufis murannoo qabu.
Warri abdii qaban akka warra mirkanaa’anoo turanii osoo hin argin amanuu hin bardaabne.
Haa ta’u malee waan gaarii tokko ni eegu turan. Baruumsa kenname, dinqiiwwan raawwataman dhaga’aniiru, arganiirus garuu waan tokko ni egu turan.
Garuummoo aarsaa barbaachiisu kaffaluuf qophaa’oo hin turre.
Dhugaa dubbachuuf kutannoo hin qaban turan.
Soba dura dhaabbachuufis humna hin qaban ture, Yoo xiqqaate garuu, arraba isaanii hameenyarraa dhorkaniiru.
Warri shakkan immoo dallaa irra turan.
Xibiriyaadositti ni nyaatu, Golgotaatti immoo ni kaadu ykn ni ganu.
Hoosa’inaatti ni faarfatu, Litoosxiraatti immoo ni baqatu.
Dinqii arguuf ni dhufu, dhiphuu arguuf garuu ni sodaatu.
Ayyaanni Du’aa Ka’uu eenyummaa dhugaa kana hundaas kan mul’isedha.
Warri mirkanaa’oo turan bu’aa kutannoo isaanii Du’aa Ka’uu keessatti argatan.
Warri abdii qaban yeroo darbu akkasitiif obsa dhabuu isaaniitti gaddan.
Warri abdii kutatan fageessanii arguun waan isaan dhibeef, bakka turanirraa dhabamuu isaaniitiif gaabban.
Warri oduu oofan, dhugaa Du’aa Ka’uutiin kan ka’e, oduun sun hundi akka siidaa Naabuukadanatsaar yeroo bittinaa’u argan.
Warri abdii nama kutachiisan immoo, Kristoos inni isaan ajjeesan yoo ka’u, awwaalli isaan cufan yoo banamu, dhagaan irra ka’an yoo tarsa’u fi eegdonni isaan yoo baqatan ija isaaniitiin arganiiru.
Du’aa Ka’uun haqa dubbatamuufi dhugaa ijaan mul’atu ta’e.
Kan Itiyoophiyaas akkasi.
Warri jijjiirama Itiyoophiyaaf mirkanaa’oo ta’an gatii kaffalu.
Warri odeessanii bulan buddennaa oduu tolchuu, warri abdii kutachiisaan, annaan gurracheessanii, damma hadheessaa oolan, shakkittoonni yeroo tokko ho’aa al tokko immoo ni qorru akkasumatti itti fufu.
Itiyoophiyaan garuu Du’aa ka’uu ishee argaa jirti.
Boqonnaawwan du’aa ka’uun Itioophiyaa itti lallabamu keessaa inni tokko filannoo baatii Caamsaa gaggeeffamudha.
Du’aa ka’uun dhukkubbii malee akkuma hin yaadamne, diimookiraasiis bu’a abhiin adda baasanii laaluun hin danda’amu.
Addunyaarratti biyyi daandii mijataarra irra deemuun diimookraasii ijaare tokkoyyuu hin jiru.
Diimookiraasii fi Badhaadhinni kutannoon dhaabbachuu malee hin milkaa’u.
Warri nu dura turan fincila obsaan qolatan ce’aniiru warri jeequmsa kutannoon darban milkaa’aniiru.
Yoo hawwinees qormaaticha hin hambifnu , garuu bu’uureessuu ni dandeenya.
Hiyyummaa keessaa ba’uuf jabinni, diimookraasii bira ga’uuf immoo obsi furtuu ta’uu isaa amannee, Du’aa ka’uu Itiyoophiyaaf garaa guutuun haa tattaafannu jedhan .
Irra Deebiin Ayyaana Gaarii.
Ebla 3 2018
Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad