Paatiriyaarikiin mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa Qulqulluu Abunee Maatiyaas ergaa baga geessanii dabarsan
Finfinnee, Ebla 3, 2018(FMC) – Paatiriyaarikiin Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa Qulqulluu Abunee Maatiyaas ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Wayita ayyaana Du’aa Ka’uu Iyyasuua Kiristoos kabajnu lammiilee sababoota garaagaraan rakkoof saaxilaman dargaaruun kabajuu qabna jedhan ergaa isaaniin.
Du’aa Ka’uun Iyyasuus Kiristoos guyyaa gara laafinni fi jaalalli waaqayyoo inni guddaan itti mul’ate, duuti itti mo’atame, ilmaan namootaa baroota hedduuf dukkana du’aa jala turaniif ifni jireenyaa inni guddaan itti ba’eefi warra hidhaa seexanaa jala turaniif immoo hiikamuun itti lallabame, guyyaa injifannoo fi guyyaa hiikamuu isa guddaadha jedhan.
Iyyesuus Kiristoos gatii jaalalaa ilma namaaf kaffale yaadachuun, jireenya qajeelummaa inni barsiiseefi agarsiise obsaan jiraachuun, wal jaallachuun, jibbiinsa dhabamsiisuun, gara laafina fi wal-gargaaruun wajjiin jiraachuun barbachiisaa ta’uu yaadachiisan.
Paatiriyaarikiin Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa Qulqulluu Abunee Maatiyaas hordoftoota Amantaa Kiristaanaa fi ummata Itiyoophiyaa maraan baga geessan jedhaniiru.
Ayyaanichi kan fayyinaa, jaalalaa, tokkummaa fi nagaa akka ta’u hawwaniiru.
Liddataawaa Taammaneetiin
#Oromia #Ethiopia