Fana: At a Speed of Life!

Hangafti Phaaphaasootaa Maana Amantaa Kiristaanaa Kaatolikii Kaardinaal Birhaane Iyyasuus ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Ebla 3, 2018(FMC) –Hangafti Phaaphaasotaa Mana Amantaa Kiristaanaa Kaatolikii Kaardinaal Birhaane Iyyasuus ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa fi Ummata Itiyoophiyaa maraan baga geessan jedhaniiru.

Wayita ayyaana Du’aa Ka’uu Iyyasuua Kiristoos kabajnu lammiilee sababoota garaagaraan rakkoof saaxilaman cinaa dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu ibsan.

Ayyaana bu’uura kiristaanummaa ta’e kana kan kabajnu ergama Iyyasuus kiristoos hubachuun ta’uu qaba jedhan.

Gidiraa fi kabajni, du’aa fi ka’uun, dadhabbii fi humni xumura kan argatu jireenya Iyyasuus Kiristoosini jedhan.

Iccitiin du’aa ka’uu Iyyasuus Kiristoos kan ummata tokkoo qofa osoo hin taane dhala namaa hundaaf ta’uu wangeelli ni barsiisa jedhan.

Du’aa Ka’uun Iyyasuus Kiristoos guyyaa gara laafinni fi jaalalli waaqayyoo inni guddaan itti mul’ate, duuti itti mo’atame, ilmaan namaa baroota hedduuf dukkana du’aa jala turaniif ifni jireenyaa inni guddaan itti ba’e ta’uu ibsan.

Guyyaa injifannoo fi guyyaa hiikamuu isa guddaadha jedhan.

Ummata Itiyoophiyaa mara waliin ta’uun hojii yaraa dura dhaabbaachuu qabna jechuun ibsan.

Waaqayyoon kan du’aniif jannata, kan miidhamaniif jajjabina, kan hidhamaniif hiikoo, kan qa’ee fi qabeenya isaniirraa buqqa’an mana isaanitti, kan gaddaniif jajjabina, kan dheebotanii fi beela’aniif midhaanii fi bishaan akka laatun hawwa jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.