Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree hordoftoota amantaa Kiristaanaa Warra wangeelaa ergaa baga geessanii dabarse

Finfinnee, Ebla 3, 2018(FMC) –Manni Maree hordoftoota amantaa Kiristaanaa Warra wangeelaa Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarseera.

Pireezidaantiin mana marichaa Luba Darajjee Janbaruun du’aa ka’uun Iyyasuus Kiristoos jibbiinsa jaalalaan, haloo dhiifamaan mo’achuu nu barsiisa jedhan.

Wayita ayyaanicha kabajnu lammiilee sababoota garaagaraan rakkoof saaxilamaniif maaddii qooduun jaalalaan dabarsuun murteessaa ta’uu yaadachiisan.

Itiyoophiyaatti nageenyi waaraan akka bu’u, tokkummaan ummattootaa akka cimu hundi qajeelummaa fi amanamummaan akka hojjetan waamicha dhiyeessan.

Ayyaanichi kan fayyinaa, jaalalaa, tokkummaa fi nagaa akka ta’u hawwaniiru.

Yeshaambal Mihiratiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.