Obbo Tamasgeen Xirunaan Ayyaana Du’aa Ka’uu Iyyasuus Kiristoos sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan
Finfinnee, Ebla 3, 2018(FMC) – Ittaanaan Ministira Muummee FDRI Obbo Tamasgeen Xirunaan Ayyaana Du’aa Ka’uu Iyyasuus Kiristoos sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Ayyaanni Du’aa Ka’uu Iyyasuus Kiristoos wantoota 4 waliin kan walitti hidhaman yoo ta’u isaanis Du’uu, hidhamuu, Awwaalchaa fi Chaappaadha jedhan.
Duutii fi Awwalchii idaa addaamirraa dhufaniidha.
Hidhaan kan firaa, Chaappaan ammoo kan diinati ta’uu ibsan.
Dhalli namaa Arfaniinuu qorama.
Iyyasuus Kiristoos idaa du’aa fi awwalchaa, hidhaa Yooseef faa, chaappaa awwalcha Qaayaafin haquun missiraachuu ka’uu labse.
Kunis guyyaa missiraachuu guddaa, ayyaana jabaadha jedhan ergaa isaaniin.
Nutis Itiyoophiyaanonni Idaa Siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee darbe qabna.
Michuuwwan keenya idaa keessaa akka hin baane carra nutti cufaniiru. Karri hin ga’u jedhanii Chaappaa nutti maxxansaniiru.
Garuu Gooftaan ka’uu nu barsiiseera.
Idaa maree biyyaalessaa, haqa ce’umsaa fi sagantaa haaronsa biyyaalessaan ni ceena.
Hidhaa riifoormiwwaniin hiikna.
Karra nutti cufame ni banna, Chaappaa ni fashaleessina.
Ka’uun halkan halkani jedhamtee turte.
Halkan qixxee ifni du’aa baateert.
Kan rafaniif halkani, kan dhaga’aniif ifa ta’e.
Kanneen halkan akka dhufe isinitti fakkaate hundi, nu’ii garuu ka’uu keenya labsineerra.
Ifni ka’uu kan dhaga’aniif malee kan rafaniifii miti.
Kanneen rafan Iyyasuus Kiristoos ka’uu hin barre turan jechuun ibsan obbo Tamasgeen Xirunaan.
#Oromia #Ethiopia