Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni du’aa ka’uu hordoottoota amantaa Kiristaanaa biratti kabajamaa jira

Finfinnee, Ebla 4, 2018 (FMC)- Ayyaanni Du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos hordoottoota amantaa Kiristaanaa biratti kabajamaa jira.

Abbootiin amantaa ayyaana kana ilaalchisuun ergaa dabarsaniin, ayyaanni Faasikaa agarsiiftuu jaalala Waaqayyoo fi mallattoo abdi dhala namaa ta’uu hubachuu qabna jedhaniiru.

Ayyaanni Du’aa ka’uu yemmuu kabajamu ulfina Waaqayyoo fi fayyina dhala namaatiif tokkummaan dhaabbachuun ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Ayyaanni Faasikaa oduu gammachuu Du’aa ka’uu Kiristoos nu barsiiserdha jedhaniiru.

Ayyaanni kun yemmuu kabajamu nagaa biyyaa fi uummataatiif kadhachuun ta’uu akka qabus ibsaniiru.

Hordooftoonni amantichaa ayyaana kanaan lammiilee deeggarsa barbaadan gargaaraa akka jiran ibsuun; hundumtuu Du’aa ka’uu Kiristoosiin onnee jaalalaa fi dhiifamaan kadhachaa akka kabajuu qabu ergaa dabarsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.