Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Faasikaa Sababeeffachuun Maaddii Qoodan
Finfinnee, Eebila 4, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi Giifti-duree Zinnaash Taayyaachoo waliin ta’uun ayyaana Faasikaa sababeeffachuun kutaalee hawaasaa adda addaaf maaddii qoodaniiru.
Guutuu Itiyoophiyaa keessatti amantoonni Kiristaanaa ayyaana Faasikaa abdii, aarsaa fi hafuura deebitanii ka’uun gamtaan kabaju.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi Giifti Duree Zinaash Taayyaachoo maaddii Faasikaa kan waggaa kanaa kutaalee hawaasaa adda addaa waliin Paarkii Tokkummaatti qooddachun isaanii, mallattoo guddaa hafuura tokkummaa dhugaa ta’uu odeeffannoon Waajjira Ministira Muummee ni mul’isa.
Torbanoota soomaa, xiinxalaa fi of-ilaaluu booda, Faasikaan waaqeffannaa dhugaatiin, hafuura haaraa fi gammachuun mana kan guutu yoo ta’u; firoottan wal gaafachuu fi maaddii waliin qooddachuun isaaniijaalala akka gabbisu ibsameera.
Ayyaanni Faasikaa guutuu Itiyoophiyaa keessatti yeroo amantaan, maatiin fi hafuurri haaromee itti mul’atu ta’uun eerameera.
Waajjirri Ministira Muummee hundi keenya hafuura ka’umsaan har’as, borus, yeroo hunda manaa fi onnee keenya lammilee rakkataniif banuu qabna jechuun dhaameera.
#Oromia #Ethiopia