Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan tumsa qaban guddisuuf waliigalan
Finfinnee, Ebla 6, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan tumsa indaastiriifi teeknooloojii loltummaan qaban guddisuuf waliigalaniiru.
Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Injinar Ayishaa Mahaammad Ministira Ministeera Raayyaa Ittisaa Laayibeeriyaa Birgaader Jeneraal Jeeraaldiin Jaaneet Joorji waliin mari’ataniiru.
Injinar Ayishaa Mahaammad wayita kana Itiyoophiyaafi Laayibeeriyaan fakkeenya bilisummaa Afrikaa ta’uu yaadachiisanii, hariiroon seenaa kun tumsa loltummaaf bu’uura jedhan.
Indaastirii loltummaafi ijaarsa dandeettii irratti tumsaan hojjechuuf Itiyoophiyaan qophii ta’uus mirkaneessaniiru.
Birgaader Jeneraal Jeeraaldiin Jaaneet Joorji gama isaaniin, Itiyoophiyaan bobbii kabachiisa nageenyaa dabalatee saayinsii loltummaafi ijaarsa raayyaa ittisaa ammayyaan muuxannoo guddaa gonfachuu kaasanii, Laayibeeriyaan muuxannoo Itiyoophiyaa kanarraa beekumsa guddaa kan argattu ta’uu ibsan.
Dameewwan leenjiifi teeknikaan tumsa loltummaa biyyoota lameenii cimsuuf kan hojjetan ta’uu ibsuusaanii Miidiyaan Oonlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia