Dooktar Abiy Ahimad Ministira Dhimma Alaa Poorchugaal Paawuloo Raangaal waliin mari’atan
Finfinnee, Ebla 6, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Dhimma Alaa Poorchugaal Paawuloo Raangaal waliin mari’ataniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Ministira Dhimma Alaa Poorchugaal Paawuloo Raangaal waliin hariiroo gamlamee fi tumsawwan dameewwan ijoo yeroo itti aanutti cimsinu irratti mari’anneerra jedhan.
#Oromia #Ethiopia