Rakkoolee cancala sonaa uumaman ittisuuf mootummaan filannoo daldalaa hedduu fayyadameera – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Ebla 6, 2018 (FMC) – Sababa tasgabbii dhabuutiin rakkoolee cancala sonaa uumaman ittisuuf mootummaan filannoowwan daldalaa hedduu akka fayyadame Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Ministirri Muummee mata-duree “Onnee Birmadummaa” jedhuun gaaffii fi deebii EBC waliin taasisaniin, rakkoolee cancala sonaa mudatan ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniitiin, cancalli snaa Gaanfa Afrikaa haala adda ta’een rakkoolee hedduu keessa akka jiru kaasanii; mootummaan cancala sonaa kana deebisee ijaaruu irratti xiyyeeffannoodhaan hojjechuusaa eeraniiru.
Keessattuu, biyyoonni faayidaa isaanii kabachiisuu alatti, fedhii biyyoota biroo miidhuuf qaban irraan kan ka’e, hiddi daldalaa tasgabbii dhabuun akka isa mudatu ibsaniiru.
Cancalli sonaa dhimmoota hedduudhaan qabamee jira kan jedhan Ministirri Muummeen; inni tokko addunyaa waan tokko irrattiyyuu hubannoo ga’aa qabaachuun kan itti hin danda’amne ta’uu isheeti jedhan.
“Muddamni daldalaa fedhii fayyadamuuf qabnu qofa irraa osoo hin taane, biyya biraa miidhuu fedhuu irraas kan ka’e muddamni daldala guddaan ni jiraata jedhaniiru.
Taariifaan daldala ba’ii fi galii daangessuu, gufuuwwan dhibeewwan daddarboon uumaman, fi dorgommiin ji’oo-poletikaa sodaawwan loojistiiksii akka ta’an ibsaniiru.
Sochiilee qilleensaa, lafaa fi galaanaa irratti tasgabbii dhabuun akka mul’atu dubbataniiru.
“Waggaa lama sadii dura, sochiin galaanaa balaa irra bu’uu danda’a, kana keessatti osoo gahee hin qabaatin yoo turre balaa keessa galuu dandeenya jennee gaafannee turre; amma gaaffii kana namoonni hedduun amanaa jiru,” jedhan.
Galaana irraa fagaachuun akka hin danda’amne, geejjiba lafaa fi qilleensaa malees tajaajila geejjiba galaanaa saffisaa qabaachuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Biyyoonni faayidaa isaaniitiif yookiin biyya biraa miidhuuf jecha daandii daldalaa cufu, kun ammoo rakkoo uuma jedhan.
Oomishuu fi hubannoon nam-tolchee qofaan bu’aa qabeessa akka hin taasisne eeranii, qormaatilee cancala sonaa hubachuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Kanaaf furmaanni jalqabaa Piraagimaatizimii akka ta’e kaasuun; jijjiiramni akka jiru beekuun murtoo faayidaa giddu-galeessa godhate murteessuu akka barbaachisu dubbataniiru.
Oomisha tokko qofa irratti hirkachuu dhiisuu, dhiyeessii bal’isuu fi hidda dhiyeessii naannawaa keessatti biyyoota bu’aa gaarii argamsiisan irratti invastii gochuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Mikiyaas Ayyaleetiin