Mootummaan jijjiiramaa qabsoo uummata keenyaa cimsuuf hojjechaa jira- Obbo Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Ebla 7, 2018( FMC)- Mootummaan jijjiiramaa qabsoo uummata keenyaa cimsuuf hojjechaa jira jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Gamaaggamni raawwii hojii mootummaafi paartii kurmaana 3ffaa bara 2018 Mootummaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamuu eegaleera.
Obbo Shimallis Abdiisaan haasawaa waltajjicharratti taasisaniin, mootummaan jijjiiramaa qabsoo uummataa cimsuuf hojjechaa jiraachuu kaasanii, mootummaan Paartii Badhaadhinaan hogganamu guddina diinagdee mirkaneessuu, barnootaafi dameewwan biroof xiyyeeffannoo kennee hojjechaa akka jiru eeran.
Gamaaggama Kanaan milkaa’inoonniifi hanqinaaleen turan haalaan ilaalamuu akka qaban hubachiisaniiru.
Kana malees hoggansi sadarkaan jiru qophii karoora bara 2019’f of qopheessuu qaba jedhan.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia