Fana: At a Speed of Life!

Gamaaggamni raawwii hojii paartii fi Mootummaa kurmaana 3ffaa gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Ebla 7, 2018(FMC) –Gamaaggamni raawwii hojii mootummaafi paartii Mootummaa Naannoo Oromiyaa kurmaana 3ffaa kan bara 2018 Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamuu eegaleera.

Gamaggamichi bakka Af-yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Saa’adaa Abdurraahmaniifi PMNO Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti gaggeeffamuu eegaleera.

Gamaaggamichaan gabaasni raawwii hojii mootummaafi paartii ji’oottan saglan darbanii dhiyaatanii hanqinoonniifi cimininoonni turan adda ba’uun kallattiin hojii itti aanuu ni kennama.

Ka’umsi karoora bara 2019 tiis kan dhiyaatu yoo ta’u, hoggantoonni Godinaalee, Magaalotaa fi Aanaalees gamaaggamicha irratti hirmaataa jiraachuu ragaan BKO ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.