Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen miiliyoonni 2. 6 ol eeyyama Daldalaa qabu- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Ebla 7, 2018 (MC) – Itiyoophiyaatti lammiileen miiliyoonni 2.6 eeyyama daldalaa damee garaagaraan fudhatanii hojjetaa jiru jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummeen mata-duree “Onnee Birmadummaa” jedhuun gaaffii fi deebii EBC waliin taasisaniin, Sosochii Itiyoophiyaan haa oomishuuurratti ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin, yaadamni Itiyoophiyaatti haa oomishamuu fi Itiyoophiyaan haa Oomishtuu garaagarummaa guddaa qabu jedhan.

Weerarri Koronaa fi Agowaa keessa haqamuun Itiyoophiyaa baay’ee barsiiseeras jedhan.

Mootummaan tarsimoowwan garaagaraa hojiirra oolchuun oomishaa fi oomishtummaa biyyatti guddisuuf hojjetaa jiraachuus dubbataniiru.

Haaluma kanaan yaadamni Indaastirii Mootummaan durfamuurraa gara misooma Indaastirii damee dhuunfaatti jijjiiruu hojiirra ooluu himan.

Damee dhuunfaa jajjabeessuun, deeggaruufi baay’isuun hojiitti galamuus kaasaniiru.

Indaastiriiwwan xixxiqaa fi giddugallessi jijjiiramaan duraa kuma 8 ol turan wayita ammaa kuma 26 qaqqabuus eeraniiru.

Galteewwan oomishaa kan biyyaa keessaan bakka buusuuf hojjetamaa turuus eeruun kunis milkaa’uu ibsan.

Kanaan dura galteewwan oomishaa %90 ol alaa galaa turuu kan himan Dooktar Abiy, akka fakkeenyaattis warshaaleen biirraa garbuu biiraa alaa galchaa turuu yaadachiisuun, wayita ammaa garuu biyya keessatti oomishamaa jira jedhan.

Akkasumas uffanaan qaamoolee nageenyaa %100 ofiin oomishuurra darbee biyyoota alaafillee oomishamee ergamaa jiraachuu himaniiru.

Dandeettii qabnutti fayyadamuu fi hudhaalee jiran furuun oomishtummaa dabaluun tarsimoo biroo akka ture dubbataniiru.

Warshaaleen 800 ol cuufamanii turan hojiitti akka deebi’anii galan taasifamuus ibsaniiru.

Dandeettiin oomishuu warshaalee sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuunii asi guddachuus kaasaniiru.

Oomishaalee 96 ol biyya keessatti bakka buusuuf adda baafamuu ibsuun, kanas tokko tokkoon deebisuuf hojjetamaa jira jedhan.

Tsahaay Gulummaatiin.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.