Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Maddisiisa anniisaa qilleensaa Asallaa eebbisiisan

Finfinnee, Ebla 8, 2018(FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Maddisiisa anniisaa qilleensaa Asallaa eebbisiisaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, ‎ gama anniisaa qilleensaan dukkana dhabamsiisuuf, karooraa addaafi qorannoon duraa dandeettii adda baaseen gara hojiitti kan seename Maddisiisni anniisaa qilleensaa Asallaa guyyaa har’aa dhugoomuu ibsan.

Pirojektiin kun dhiyeessii humnaa qulqulluu Meegaa Waattii 100 dabaluun imala gara carraa humnaa damee hedduufi egeree ijaaruutti taasifnu cimsas jedhan.

Kunis dhiyeessii humnaa amansiisaa mirkaneessuufi Itiyoophiyaa badhaate ijaaruuf kutannoo qabnu mirkaneessa jechuun ibsaniiru.

Pirojektii dandeettii dabalataa humnaa bara kanaa ta’e Naannoo Oromiyaa Godina Arsiitti argamnee eebbisiisaa; bu’aan argame hojiileen akka kanaa babal’isuuf nu kakaasu jedhan.

Imalli Itiyoophiyaa dameewwan hundaan galmneessinu cimee itti fufaa daran misoomaa deemas jedhaniiru ergaa isaaniin.

Yeroo kamiyyuu caalaa yeroo nuti itti guddaa taanu fagoo mitis jedhan.

‎#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.