Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti pirojeektonni kumni 21 xumuramuun tajaajilaaf qophaa’an – Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Ebla 9,2018 (FMC)- Naannoo Oromiyaatti bara baajataa 2018 piroojektonni misoomaa garaagaraa kumni 28 fi 800 ol ijaaramaa jiru jedhan Pireezidaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin.

Obbo Awwaluun Ibsa miidiyaaleef kennaniin, pirojektiiwwan ijaaramaa jiran keessaa kumni 21 xumuramuun tajaajilaaf qophaa’uu himaniiru.

Piroojektoota bara kana ijaaramuuf karoorfaman keessaa kumni 24 haaraa ta’uus obbo Awwaluun kaasaniiru.

‎Mootummaan imala badhaadhinaa galmaan gahuuf seektaroota kilaasteraa 4tti qoodee hojjetaa jiraachuus dubbataniiru.

karoorri xiiqii gulaanta qabsoo dinaagdee,barnootaa fi teeknoolojiin akka deeggaramu ilaalleerraa jedhan .

Naannichatti yeroo ammaa lakkoofsi namoota gibira kaffalanii kuma 600 fi kuma 34 ol qaqqabuu eeraniiru.

sassaabbiin galii naannichaas giddu galeessaan % 46’n guddachaa jira jedhan.

Baasiin mootummaa naannoo oromiyaan uwwiffamuus dabalaa dhufuu eeruun, Kanaanis dinaagdee naannichaa dorgomaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.