Hanga kurmaana 3ffaatti galiin Birrii biiliyoonni 200 fi biiliyoonni 37 sassaabame- Obbo Awwaluu Abdii
Finfinnee, Ebla 9,2018 (FMC)- Naannoo oromiyaatti hanga kurmaana 3ffaatti galiin Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 37 sassaabameera jedhan Pireezidaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin.
Baajanni Mootummaa naannichaa bara 2018 birrii biiliyoona 400tti guddachuu obbo Awwaluun himaniiru.
Bajaatichis hojiilee kaappitaalaaf oolaa jiraachuu himaniiru.
% 64 aanooleef qoodamuus ibsaniiru.
Hojiileen kenna tajaajila lammummaa jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiraa jiru jedhan.
Kenna tajaajila lammuummaatiin hojiileen Birrii biiliyoona 400 fi Biiliyoona 9tti tilmaamaman hojjetamuu himaniiru.
Dhaabbiileen misoomaa oromiyaas galii Birrii biiliyoona 72 maddisiisu danda’uu ibsan.
Tajaajila giddugala tokkoon (mesob )marsaa1ffaan magaaloota 5 marsaa 2ffaan immoo magaaloota Oromiyaa 26 keessatti hojii eegalaniiru jedhan.
Kananiis namoonni kumni 500’n tajaajila itti quufiinsa qabu argachuu ibsaniiru.
Gammachuu Beekumaattu gabaasee.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo