Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Koree biyyaalessaa Itiyoophiyaa Walga’ii COP32 waliin mari’atan

Finfinnee, Ebla 9, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Koree Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Walga’ii COP32 waliin mari’ataniiru.

Dooktar Abiy Ahimad ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin Itiyoophiyaan akka biyya keessummeessituu Walga’ii COP32’tti Koree Biyyaalessaa hundeessuun qophii ishee dursitee eegaluu eeran.

Adeemsi kunis galma ifaa fi sadarkaa olaanaan hogganuuf hoggantoonni ijoon ramadamuu himan.

Kana hordofees caasaan Pireezidaantii COP bu’aa caaluu fi qindaa’aa kan argamsiisu hojii isaa duraa eegaleera jedhan.

Guyyaa har’aas Koree biyyaalessaa waliin ta’uun walga’ii gaggeessaniin hojiilee damee garaagaraan hanga ammaatti hojjetaman gamaaggamuun hanqinoota addaa baasuu fi tattaaffiiwwan keenya hunda mul’ata biyyaalessaa waliin kan walsiman ta’uu sakatta’uu ibsan.

Waltajjii gamaaggamichaan garasitti kallattii fuulduree waloo kaa’uus dubbatan.

Walta’iinsa cimaan, mul’ata olaanaa walsimatee fi tattaaffii cimaa waliin sagantaa idil addunyaa kana bilchinaan keessummeessuun guddummaa biyyaa irraa deebiin argisiisuun xiyyeeffannaa kenname ta’uu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.