Deeggarsi Ijaarsa Kooriidara Daandii Naannawaaf kennamu Cimee Itti fufuu qaba – Obbo Ahimad Shidee
Finfinnee, Eebla 9, 2018 (FMC) – Deeggarsi faayinaansii ijaarsa kooriidara daandii naannawaa Gaanfa Afriikaatiif oolu ariifachuu akka qabu Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shide dubbatan.
Itiyoophiyaan yaa’ii ‘Spring Meeting’ Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) cinaatti walgahii ministiroota tumsa Gaanfa Afriikaa 28ffaa irratti hirmaataniiru.
Waltajjicharratti, raawwiin kooriidaroota daandii afur dorgommii doolaara biiliyoona 3.8’n ijaaramuuf karoorfamanii fi kiilomeetira kuma 9 fi 100 ol uwwisanii gamaaggamameera.
Obbo Ahimad Shide yeroo kanatti akka dubbatanitti, ijaarsa kooriidaroota daandii naannichaatiif deeggarsi faayinaansii kennamu ariifachuu qaba.
Biyya uummata miiliyoona 100 fi miliyoona 30 ol fi sochii daldalaa guutummaatti hidhata naannicha irratti hundaa’e qabduuf, kooriidaronni geejjibaa qulqulluun dirqama akka ta’an ibsaniiru.
Inveestimeentii kooriidaroota diinagdee irratti geggeeffamu ariifachiisuun daldala mijeessuuf, dorgomtummaa dabaluufi carraa hojii uumuuf murteessaa ta’uu eeraniiru.
Ijaarsa kooriidaroota afuriif bara 2019 irraa eegalee deeggartoota misoomaa irraa doolaara biiliyoona 2.7 walitti qabuun akka danda’ame waltajjicharratti ibsameera.
Haa ta’u malee, naannicha guutummaatti walitti hidhuuf kutaalee murteessaa ta’an irratti ammas hanqinni faayinaansii jiraachuu ministiroonni kaasaniiru.
Walgahiin furmaata faayinaansii hojiirra oolchuu irratti xiyyeeffatee kun hanqinoota damee kana keessa mul’atan guutuu fi humna diinagdee naannichaa guutummaatti fayyadamuun proojektoota kooriidaraa murteessaa ta’an ariitiin raawwachuuf waamicha dhiyeessuun xumurameera.
#Oromia #Ethiopia