Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan kan ijaaramtu dafqa keenyaani- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Ebla 11, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan kan ijaaramtu dhiiga abboota keenyaan qofa osoo hin taane dafqa keenyaani jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.

Guyyaa har’aa qaama sagantaa ‘Maaddiin Dhalootaaf’ kan ta’e Loojiin Haroo Dandii eebbifameera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad saganticharratti ergaa dabarsaniin, namoonni hedduun hojii keenya tuurizimiin safaruuf yaaluun isaanii dogoggora waan ta’eef imaammataafi tarsiimoowwan keenya haalaan ilaaluun barbaachisaadha jedhan.

Akka tilmaama guddina diinagdee biyyootaa bara kanaa Baankiin Addunyaafi Dhaabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa kaa’anitti Afrikaa irraa biyyi sadarkaa duraan guddina qabdu Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru jedhan.

Guddinni kun kan dhufe ida’ama bu’aa dameewwan tuurizimii, qonnaa, inarjii, teeknooloojiifi albuudaani kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, akka tilmaama dhaabbilee kanneeniitti biyyi Afrikaa irraa guddina %9 mirkaneessitu Itiyoophiyaadha jechuun ibsan.

Dhaabbileen lameen Itiyoophiyaan guddina diinagdee %9.2 galmeessisti jedhanii tilamaamuu eeruun, nuti bu’aa kanaan olii eegna; wayita bu’aan isaa gahu kan arginu ta’a jedhan.

Bu’aan kun kan argame tarsiimoo ifaa ta’e qabaannee, iddoo kamitti maal hojjechuu akka dandeenyu beeknee, akkamitti hordofuu akka qabnu nuuf galee kutannoon hojjechuu waan dandeenyeefi jedhaniiru.

Itiyoophiyaan kan ijaaramtu dhiiga abbootii keenyaan qofa osoo hin taane dafqa keenyaanis jennee yaadna; abbootiin keenya dhiiga isaaniin biyya hojjetanii tursiisaniiru nuti ammoo dafqa keenyaan Itiyoophiyaa ijaaruu ni dandeenya jedhan.

Abbootii keenyarraa wayita barbaachisaa ta’etti waraananii loluu barannee nutis dabaree keenya qabatamaan agarsiisneerra jedhan haasawaa taasisaniin.

Badhaadhinni Itiyoophiyaa akkaataa addunyaan Afrikaatti amanuun mirkanaa’aa jiraachuus ibsaniiru.

Hojii kana cimsanii itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.

Abiy Geetaahuniin.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.